Manni maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 8ffaa bara hojii 3ffaa marsaa 6ffaa adeemsiseera. Yaa’iicharratti bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbada, gabaasa raawwii hojii bara baajata darbe miseensota mana marichaaf dhiheessaniiru.
Waggaa darbe dhuma ji’a Adoolessa irra eegale naannichatti rakkoon nageenyaa mudatee akka ture kan himan obbo Araggaan, rakkoon nageenyaa kun miidhaa namoomaa, qabeenyaafi miidhaa xin sammuu hawaasaa naannicharratti dhaqqabsisuu ibsaniiru. Rakkoo nageenyaa uumame olaantummaa seeraa kabachisuun cinaatti karaa nagaan hiikuuf kan dandeessisuu mariin uummataa irra deddeebiin adeemsifamu himaniiru. “Marii irra deddeebiin taasifames rakkichi yaaddessaafi dogoggora akka ta’e uummatni akka hubatuu taasisuuf nu gargaareera” jedhaniiru.
Yeroo ammaa uummatni naannichaa abbaantummaa nageenyaa akka ta’uufi rakkoo xaxamaa keessa ture irraa akka bahuu taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jirchuu eeraniiru. Olaantummaa seeraa kabachisuun cinaatti, gurmaa’ina caasaa irra deebiin qindeessuun hojiin bu’aa qabeessa hojjetamuu kan kaasan bulchaan olaanaa naannichaa, uummatnis abbaantummaa nageenyaa ta’uun qaamolee callisaa deggaruu isaatiin nageenyi foyya’aan akka dhufuu ta’eera jedhaniiru. Rakkoon nageenya naannichatti mudate raawwii dhaabbilee garaagaraa irratti dhiibbaa taasisuu obbo Araggaan himaniiru. Haata’uu malee dhaabbilee hundu rakkoo keessa ta’anis hojii isaanii raawwachuuf tattaaffii taasisuu hubachiisaniiru. Damee qonnaatiin bara baajetichaan oomishaafi oomishitummaa dabaluuf haala rakkoo keessa ta’uun kan bara darbe caalaa dhiheessi qonnaa galchuun danda’ameera jedhaniiru.
Bara oomishaa kanatti oomisha karoorfame argachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Induustiriwwan oomishitoota irrattis rakkoon nageenya dhiibbaa guddaa dhaqqabsisuu kaasaniiru. Sadarkaa barbaadamuun oomishuu akka danda’aan xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Gabaasichaan booda, miseensotni mana marichaas qaamolee raawwachisaaf yaadaafi gaaffii kaasaniiru. Naannichi rakkoo nageenyaa keessa ta’e hojiiwwan misoomaafi hawaasummaa raawwaate kan abdii namaa kennu ta’uu miseensotni mana marichaa ibsaniiru. Naannichi nageenyi isaa mirkanaa’ee humna guutuun osoo gara hojiitti galame raawwii kana caalaa galmeessisuun akka danda’amu eeraniiru. Mootummaan naannichaa kutannoo waliigalteefi marii nageenyaaf agarsise tarkaanfii gaarii ta’uu himaniiru. Milkaa’ina isaafis garaadhaan hojjechuun akka barbaachisu jala muranii himaniiru.
Nageenya fooyya’aa amma argame itti fufaa taasisuufi nageenya waaraa fiduuf filannoowwan kamiyyu ilaaluun akka barbaachisu kan kaasan miseensotni mana maree, qaamoleen hidhatanii socha’anis faayidaa uummata isaaniif jedhanii filannoo nageenyaa fudhatanii itti fayyadamu qabu jedhaniiru.
Afa yaa’iin mana maree naannoo Amaaraa, aadde Faantuu Tasfaayee, manni marichaa yaa’ii idile isaatiin haala nageenya waqtaawaa naannichaa, dhimmoota misoomaafi bulchiinsa gaarii irratti gadii fageenyaan mari’ateera jedhaniiru. Yaa’iichi xumuramuu isaa hordofee ibsa kan kennan aadde Faantuun, manni marichaa dhimmoota garaagaraa irratti bal’inaan mari’aatee kallattiiwwan garaagaraa kaa’uus himaniiru.
Rakkoolee bulchiisa gaarii kan uummata mufachisan keessattu, sirna haqa uummata biratti amanamaa taasisuuf xiyyeeffannoon itti kennamee kan hojjetamu qabudha jedhaniiru. Mariin nageenyaa eegalame akka milkaa’uu kutannoon akka hojjetamu manni marichaa marii taasisuu himaniiru. Miseensootni mana maree sadarkaan jiran too’annoofi hordoffii akka taasisan waalgalteerra gahaamus eeraniiru. Fedhii misoomu uummataa kan giduu galeeffate, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, baajata seeraafi qusannaan fayyadamuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran hiikuu, gaaffii uummataa dhaggeeffachuun sadarkaa sadarkaadhaan deebii kennuu dhimmoota jedhan irratti kallattiin ka’aamuu adde Faantuun himaniiru. Manni marichaa baajata bara 2017 birri biliyoona 150.6 ta’uun raggaasiseera.
Alamuu Balaayiin