Dorgommii Olompikii Paaris

Dorgommiin Olompikii Paaris bara 2024 marsaan 34ffaa magaalaa Paarisitti gaggeeffamaa jira. Olompiikicha irratti atileetonni biyyoota 200 ol irraa walitti dhufan kuma 10 fi 500 gosoota ispoortii adda addaa 32 ta’uun dorgomaa jiru.

Itoophiyaan waltajjii ispoortii addunyaa guddicha kan ta’e kanarratti dorgomtoota 30 ol filachuun qopheessitee gara Paarisitti ergiteetti. Dorgommichi akka lakkoofsa Awurooppaatti Adoleessa 26 bara 2024 kan eegale yoo ta’u, magaalaan Paariis isporteessitoota haala gaariin simattee dorgomsiisaa jirti. Dorgommiin Olompiikii Paaris irratti injifattotaaf meedaaliyaan warqee 329 badhaasaaf qophaa’eera. Dorgomtoota dhiirotaaf meedaaliyaawwan warqee 157 dorgomtoota dubartootaaf ammoo meedaaliyaan warqee 152 qophaa’uu danda’eera. Haaluma kanaan, dorgomicharratti  dorgommiin qaama miidhamtoota hirmaachisu Hagayya 28 hanga Fulbaana 8 ‘tti kan gaggeeffamu ta’a.

Atileetonni kuma 4 fi 400 kan irratti hirmaatan dorgommiin kun, gosoota ispoortii 22 fi meedaaliyaan dorgommii garaagaraa 549 badhaasaaf qophaa’aniiru. Olompiikiicharratti biyyoonni 206 atileetota yammuu hirmaachisan, Paaraalimpikii irratti ammoo biyyoota 184’tu hirmaatu.

Magaalaan guddoo Faransaay, Paaris dorgommii kanaaf haaraa miti. Biyyattiin baroota 1900 fi 1924 irratti dorgommii walfakkaataa qopheessiteetti. Paariis akka lakkoofsa Awuroppaa bara 1924 dorgommii Olompikii erga qopheessite waggoota 100 yookaan Jaarraa tokko booda kan qopheessuu dandeesse.  Dorgommiin Olompikii Paariis gosoota ispoortii 32’n tamsaasa kallattii sa’aatii kuma 3 fi 800 uwwisu kan kennamudha.

Dorgommii bara kanaarratti gosoonni shubbisaa “Break Dance” jedhamu bara 1970 moota keessatti Ameerikaatti aadeeffamaa ture akka gosa ispoortii haaraatti hammatamuu danda’eera. Faallaa kanaan gosni ispoortii haaraan Olompikii Tookiyoo irratti hammatame Beez Booliifi Kaaraateen dorgommii isa ammaa kanarratti hir’ifameera. Atileetonni Raashiyaafi Beelaaruus Olomopikii Paariis 2024 irratti biyya isaanii otoo hin taane dhuunfaa isaanii bakka bu’anii dorgomuu danda’aniiru.

Atileetiksiin Addunyaa dorgommichaan badhaasaa doolaara biiliyoona 2.4 kan qopheesse yoo ta’u, atileetota warqee argamsiisaniif doolaara kuma 50 ni badhaasa jedhameera. Magaalaan guddoon Faransaay paariis  magaalaan Ingiliiz Landan bara (1908, 1948, fi 2012) Olompikii erga qopheessitee booda  magaalaa yeroo sadii Olompikii qopheessite ishee lammaffaa taateetti.

Guddiinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo