Piriimiyerliigii Ingiliz Bara 2024/25

Piriimiyer liigii Ingiliz kan bara dorgommii 2024/25 jalqabeera. Dorgommichi ji’oota sagaliif tura. Piriimiyer liigicharratti gareewwan 20 gidduutti taphni 380’tu taphatama. Tapha kana waggaa waggaan deggartoonni kubbaa miilaa biiliyoona 4.7 ta’an biyyoota addunyaa 212 ol keessatti maloota tamsaasaa garaagaraa fayyadamuun hordofu. Kana keessaa miiliyoonni 290 lammiilee Afrikaati. BBC’n akka gabaasettii, piriimiyer liigicharratti kubbaan “Nike Flight Ball” jedhamuun akka taphatamu gabaafameera. Addunyaa irratti meeshaalee ispoortii ammayyaa kan dhiheessu dhaabbanni oomishaa ‘Naayik’ waggoota 25 darbaniif kubbaa haaraa Piriimiyer liigiichaaf dhiheessuudhaan beekama.

Bara kana kubbaa fakkii diimaafi keelloo duubaan adii ofirraa qabu tapha piriimeer liigichaaf dhiheesseera. Qaamni dorgommii liigichaas bara dorgommii 2024/25 taphoota 380 hunda kubbaa “Nike Flight Ball” qofaan akka taphatamu raggaasiseera. Bara kana tapha Piriimiyer liigii Ingiliiz irratti waa’ee kubbaa harkaan tuquu, yeroo qisaasessuu, viidiyoo irra deebiin ilaaluu (video review) ilaalchisee seera baasuun fooyyessee jira. Inni jalqabaa kanaan dura taphattoonni yeroo ittisa dirree adabbii irratti kubbaan harka isaanii akka hin tuqneef harka isaanii duubatti deebisuun dirqama ture.

Garuu seerri kun bara kana hin jiraatu; haqameera. Akka labsii haaraa kanaan taphataan tokko meetira 16 seentimeetira 50 keessatti akka tasaa kubbaa yoo tuqe rukuttaan bilisaa ni kennamaaf.  “Itti yaaduun yoo tuqame garuu kaardii agarsiisuun barbaachisaadha” jedha labsiin fooyya’e. Akka seera haaraa kanaan warri kubbaa fudhatan kubbaa gara goolii eegaa qofatti dabarsuu danda’u. Taphattoota biroof kubbaan cinaacha dirree irratti kaa’ama malee fudhataa hin qaban. Seerri biraa labsii haaraa kana keessatti yeroo darbe lakkoofsi taphattoota gareen tokko yeroo tokkotti jijjiirraa taasisuu danda’u sadii yoo ta’u, seera fooyya’e kanaan garuu taphattoonni jijjiirraa shan yeroo tokkotti waliin jijjiirraa taphachuu danda’uun dirqama.

Seerri haaraan kun murtoon viidiyoo irra deebiin ilaalamu deeggartootaaf ibsamuu qaba, fuullee/iskiriinii istaadiyeemii irratti illee, kana malees, miidiyaa hawaasaa haaraa ‘Akkaawuntii Giddu-gala Taphoota Piriimiyerliigii’ jedhamu kan jalqabame murtee viidiyoo irra deebiin yeroo taphootaatti ibsa kan kennu ta’uu BBC’n beeksiseera. Murtoon abbaa murtii viidiyoo irra deebiin gidduu seenu seera haaraa kanaan hir’ateera jedhameera. Kunis lakkoofsa daqiiqaa qisaasama haalaan akka hir’isutu himame. Wanti labsii haaraa kana keessatti hammatame inni biraan yeroo taphattoonni yeroo gooliin tokko galfamu gammachuu isaanii ibsachuuf qisaasessan haqamuu isaati. Tokkoon tokkoon galmaaf yeroon dabalataa sekondii 30 qofaan daangeffama. Goolii galchuus ta’e kubbaa dursanii jalqabuu dhiisuun seera haaraa kanaan akka adabamu mirkanaa’eera. Kunis yeroo qisaasama ittisuuf yaadameeti

Oduu

AMECO Hirkoo