“Hoo yaa birraa birraan bari’e Farda binna yaa ijoollee” dargaggootatu walaloo sirbaatiin kana jedha; yommuu birraan bari’u lafti qooreefi magariisa uffatee, lalisee tole waan farda akka fedheetti gulufsiisuuf akkaataa aadaa isaaniitiiin guluffii fardaa taphachuuf, “qunnii buqqifannaa Qunnii buqqifannaa gurguddaa keessaa yaafnee Xixiqqaa guddifanna” kan jedhu immoo dubartoota walaloo sirba birraaf sirbaniin akka aadaa isaaniitiin. Ingiccaan marga jiidhaa gabbataa bari’uu birraa agarsiisu, mallattoo abdiifi lalisuu akkasumas magariisuu dubartoonni shamarranii ittiin agarsiifatanidha.
Dargaggootaaf shamarran akka fakkeenyaatti kaasne malee yommuu birraan bari’u hunduu aadaa ittiin ibsatu qaba, daa’imman, ga’eessonni, jaarsoliin, ayyooliin hunduu jechuudha. Birraan jala bultii isaa irraa eegalee karaa aadaafi amantii uummatichaatiin hammatamee bifa adda addaatiin ni kabajama. Ayyaannonni dhufaatii birraa akeekaniifi barii birraa dura kabajaman adda addaa ni jiru. Yeroo ammaa jala bultii seenuu waqtii birraa irraa ykn ji’a Fulbaanaa dura haalli ayyaanonni kun bifa adda addaatiin itti kabajamaa jiranis ni jira. Ayyaanonni kun aadaa Oromoo keessatti bakka guddaafi olaanaa qabu.
Ayyaanota Oromoon barii birraa kabajatu keessa Goobee, Shinooyyee, Qunnii buqqifannaa (kan dubartoota shamarranii), Gubaa, Damaraa, Masqala, Irreecha, Ifanoofi ayyaanoonni ijoollee adda addaa ni kabajamu. Oromoon ayyaanota kana hunda bakkalcha, addeessaafi aduu ilaaluun aadaa isaatiin dhahata dhahatee akka kabajatus ragaalee hedduun ni agarsiisu. Chaayinaa, Hindii fi Maayaan dhahata lakkoofsa guyyaa akkasii akka qabaniifi uumama kunneen irratti hundaa’uun ibsatanis ragaaleen ni mul’isu. Waqtiileen Itoophiyaanoota biratti beekaman afuri; waqtiileen kunneenis; Arfaasaa, Ganna, Birraa fi Bona jedhan Qorataafi barreessaan Seenaa fi aadaa obbo Dirribii Damusee Bokkuu.
Akka dhahata Oromootti waqtiin gannaa kun Adoolessa irraa eegala. Adoolessa jalqaba irraa eegalee roobni ni dabala, malkaan ni mirgisa, ni gobba achumaan guuta, deebi’ee immoo hir’ate taliila ta’a. Lafti dhoqqee ta’a, ni marga, kan faca’e guddatee ni lalisa. Waqtiin gannaa torban kudhaniif tura. Kunis jalqaba gaafa gubaaf torban kudhan hafu seena. Kurnii, salgii, saddeeta, torbii, ja’ii, shanii, arfii, sadii, lamii, takkee jedhamun, wayita akkanaan lakkaa’amee takkee irra ga’u gubaan ni kabajama. Gaafa sana bara haaraadha jedhu buleeyyiin Oromoo. Waqtii gannaa kana keessa waan hedduutu jijjiirama, kan jijjiiru nama osoo hin taane uumaadha. Bofa ijatu jaama, cululleen holqatti galti, gugeen hin gungumtu, Simbirroon illee gaafa ganni darbu bifa jijjiirrattee dhufti (simbirroo masqalaafaa) kan jedhamu san jechuudha.
Ganni seenee hanga kurniin (torbanoonni kudhan) xumuramanii masqalli kabajamutti malkaatti hin irreeffatamu, mana qaalluutti hin sirbamu, tulluutti hin irreeffatamu. Ayyaanni Shamarranii kan Qaammee (Qunnii buqqifannaa) jedhamus Ayyaanota Irreecha dura kabajaman keessaa isa tokkodha. Gama birootiin kan ayyaanota seenuu birraan wal qabatanii kabajaman keessaa seensa barreeffama keenyaa irratti kaasne akka fakkeenyaatti Goobee yoo fudhanne, Goobeen Ayyaana Dhiirotaati. Ayyaana dargaggoonni gammachuu, abdiifi hawwii gaariin ifa Birraa ittiin simatanidha. Quufa Birraa, gammachuu bari’uu lafaati. Abdiifi haamilee magariisa waliin dargaggootaaf biqilee ifa abaaboo godhatudha. Kan fedhe ilaallatee fuudhuuf yeroo itti onnatudha. Yeroo dardarri bilisummaafi of danda’uu labsudha. Karaa dubartootaatiin immoo Shinooyyee yoo fudhannee ilaalle, Shinooyyeen bilisummaa Shamarraniiti. Ayyaana kanarratti Shaamarran Marga urgaa’aa Ingiccaa buqqifachuun yeroo isaan gamtaaniifi bilisummaan walii isaaniifi dargaggoo waliin sirbaniifi weeddisan, dhiichisan, qabdoo dhaabbatanidha. Goobeefi Shinooyyeen yeroo ammaa keessattuu safuufi duudhaa isaanii eeggatanii kutaalee Oromiyaa adda addaatti kabajamuu eegalanii jiru.
Egaa waa’ee birraa har’aaf hanga kana erga jennee yeroo biroo mata duree wal qabatan birootiin walitti kan deebinu ta’a. Hawaasichis yommuu birraan bari’u ayyaanota aadaafi amantii isaa ka’umsa taasifatanii kabajaman kana aadaafi duudhaa isaa eegachuun karaa faayidaa qabeessa ta’een kabajachuufi guddifachuu keessatti gumaacha barbaachisu taasisuu qabaan ergaa keenya. Birraan birraa gaarii isiniif haa ta’u!
Milkeessaa Dheeressaatiin