Damee Misooma Qonnaa Keessatti Jijjiirama Bu’a Qabeessa Fiduuf Qooda Fudhattoonni Hundi Waltumsuu Qaban

Sadarkaa ittaanaa pirezidaantii naannichaatti qindeessaa kilaastara baadiyyaafi itti gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Dires Saahiluun (Dr) hojiiwwan misooma qonnaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Mata duree ‘gargaarsa irraa gara oomishtummaatti’ jedhuun, “godinaaleefi aanaalee naannoo keenya keessatti misoomuu danda’an adda baasuun qabeenya bishaanii jiru fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun gargaarsarraa gara gargaaruutti cehuuf ciminaan hojjechuu qabna” jedhaniiru. Damee misooma qonnaa keessatti jijjiirama bu’a qabeessa fiduuf qooda fudhattoonni hundi wal tumsuun barbaachisaa akka ta’es himaniiru.

Hojii kana milkeessuuf abbantummaan biiroo Qonnaa Naannichaafi komishiniin Qindeessaa Wabii Midhaan Nyaataa naannichaa kan waliin hojjetan ta’us, gahe qabeessonni hundi raawwiisaa keessatti hirmaachuu qabu jedhaniiru. Jallisii idileefi bonaan misooma qamadii irratti warraaqsa guddaa taasisuun sadarkaa naannoottis ta’e biyyaatti qamadii kadhaarraa of qusachuuf tattaaffii gochuun ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru. Haala qilleensaafi teessuma lafaa godinaalee hunda ilaalcha keessa galchuun, misooma jallisii marsaa sadeenuu irratti xiyyeeffachuun fayyadamummaa diinagdee qonnaan bulaa mirkaneessuuf hoggansaafi ogeessonni waliin hojjechuun baay’ee murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Itti gaafatamichi, misoomaafi eegumsa qabeenya uumamaarratti sochii uummataa guddaa taasisuun jaarmiyaa komunikeeshinii ekisteenshinii qonnaa haaraa hojiirra oolchuufi waliin hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru. Jijjiirama sadarkaa olaanaafi tarkaanfataa fiduuf teeknoloojii qonnaa fayyadamuudhaaf teeknoloojii mekaanaayizeeshinii qonnaa naannichatti dhuunfaanis ta’e karaa waldaaleen sirriitti fayyadamuuf qonnaan bultoota biratti aadaa qusannoo jajjabeessuun fedhii bittaa mekaanaayizeeshinii uumuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Midhaan bilchaate karaa teeknoloojiin deggerameen walitti qabuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, oomisha sassaabbii booda qisaasa’u keessaa dhibbantaa 30 ol ittifamuu akka qabu dhaamaniiru. Hoggantoonniifi ogeessonni qonnaa, dhaabbileen miidiyaafi qooda fudhattoonni hundi waliin ta’uun qonnaan bultoonni oomisha isaanirraa qusachuun yeroo gabaabaa, giddu galeessaafi dheeraa keessatti qabeenya horachuun damee misooma qonnaa irratti jijjiirama tarkaanfataa fiduuf waliin hojjechuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo