Hariiroon Mootummoota Naannolee Walitti Dhufeenya Uummataa Cimsuuf Murteessaa Ta’uu Ibsame

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootaa hedduuti. Biyya afaan  aadaafi eenyummaa hedduu qabduufi biyya tokkummaa uummataan ijaaramtedha.  Uummatni biyyattii afaan,  aadaafi eenyummaa waliif kabajee inni tokko isa biraaf dahoo ta’uun,   uummata waliin jiraatuufi hariiroo cimaa qabudha.  Uummatni Itoophiyaa garaagarummaan osoo isaa hin daangeessin,  yeroo rakkoo kan waliin dhaabbatte, gammachuus  kan waliin qooddatte uummata hariiroo guddaa qabudha.  Hariiroon uummattota gidduu jiru kun immoo guddinaafi ijaarsa biyyaa cimsuu keessatti gaheen inni qabu daran olaanaadha.

Hariiroo uummattootaa cimsuun, uummatni biyyattii  tokkummaafi obbolummaadhaan akka waliin jiraatan kan  taasisudha. Tasgabbiifi nageenya biyyaafis bakka olaanaa qaba.  Bakka rakkooleen garaagaraa mudatanittis walii birmatanii, waltumsanii bifa obbolummaadhaan akka hiikan taasisuuf  faayidaan tokkummaa guddaadha.  Bakka hariiroon cimaa uummattoota gidduu jiruutti, aadaa, afaan, amantaafi eenyummaan saba tokko, saba kaan biratti akka kabajamu taasisaa.  Garaagarummaa jiru gara tokkummaatti fiduun,  uummatni akka waliin jiraatu ni taasisa.

Hariiroo uummattoota  cimsuudhaaf garuu hariiroon mootummootni naannoolee qaban murteessaadha. Hariiroon mootummoota naannoolee gidduu jiru, tokkummaa uummataa cimsuu keessatti faayidaa guddaa qabaachuu afa yaa’iin mana maree bulchiinsa sablammii Oromoo aadde Faaxumaa Mollaa dubbataniiru. ‘’Uummatni hogganaa isaa fakkaata waan ta’eef hariiroon mootummoonni naannoolee qaban, hariiroo, obbolummaafi waliin jireenya uummattootaa cimsuuf gahee olaanaa qaba’’ jedhaniiru. Dabalataan tokkummaa mootummaawaa uumuudhaafis hariiroon naannoolee barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Yaadaafi ilaalcha adda addaa mootummoota naannoolee gidduu jiru gara tokkotti fiduun, uummataafi uummata walitti fiduufi fayyadamummaa ummattootaa mirkaneessuuf hariiroo irratti ciminaan hojjetamuu akka qabu himaniiru.  “Biyya tokkitti qabnu ijaaruudhaaf hoggantootni mootummoota naannoolee walitti dhiyaatanii tokkummaafi obbolummaa uummataa irratti hojjechuu qabu” jechuun gorsaniiru. Tokkummaafi nageenya biyyaa eegsisuufis hariiroon naannoolee murteessaa ta’uu himaniiru.  Hojiileen gama  misoomaafi bulchiinsa gaariitiin hojjetaman akka biyyaatti ilaalanii hojjechuun lammiilee hunda sabaan, amantaan, aadaafi eenyummaan osoo wal hin qoodin akka fayyadaman taasisuun irra jiraataas jedhaniiru.

Akka afa yaa’iin kun jedhaniitti, hojiiwwan misoomaa naannoo Oromiyaatti hojjetamu kan naannoon Amaaraafi kanneen hafan itti fayyadaman, kan naannoo Amaaraatti hojjetaman immoo naannoon Oromiyaa, naannoon Affaar, naannoon Tigraayifi naannooleen biroo kan itti fayyadaman ta’uu qaba. Hojmaanni kun ijaarsa biyyaa keessatti gahee guddaa qabaachuu kaasaniiru.  Garaagarummaan hedduu jiraatuus, uummatni akka uummataatti tokko ta’uu amananii,  mootummootni naannoolee hojii uummata biyya kanaa,  walitti fiduu danda’uu hojjechuu qabu jedhaniiru.

Itti aantuun afa yaa’ii bulchiinsa sablammii Oromoo, aadde Hawwaa Mohaammad gama isaaniin, hariiroon mootummoota naannoolee cimsuun,  guddina waloof murteessaa ta’uu dubbataniiru.  Naannooleen hundi garaagaruummaa qaban gara tokkotti fiduun, yoo hariiroo isaanii cimsan,  rakkooleen nageenya yeroo ammaa iddoolee adda addaatti mul’atan furmaata akka argatan amantaa qaban ibsaniiru.  Uummatni nagaan bahee akka  galu, bakka barbaade hojjetee akka jiraatu taasisuufis hariiroon mootummoota naannoolee wabii ta’uu akka danda’uu himaniiru.  “Nageenya waloofi  misooma waloo akka qabaannus nu taasisa” jedhaniiru.

Guddina biyyaa jalqabameef gumaachi naannooleen taasisan murteessaa waan ta’eef,  wal tumsanii, hariiroo uummata isaanii cimsanii, uummatni bobba’ee akka galu taasisuun, waliin misoomuufi biyya ceesisuu irratti hojjetamuu akka qabu hubachisaniiru. Gama kanaan hariiroon mootummota naannoolee Amaaraafi Oromiyaa uummata fayyadamaa taasisuu keessatti gahee olaanaa waan qabaniif, mootummotni naannoole lamaan hariiroo isaanii cimsuun nageenyaafi waliin jireenya uummataa mirkaneessuuf walitti dhiyaatani hojjechuu qabu jedhaniiru.

Uummatni Amaaraa,  naannoo Oromiyaa keessattis ni jiraataa,  uummanni Oromoos naannoo Amaaraa keessa kan jiraatu waan ta’eef, naannooleen Amaaraafi Oromiyaa tokko ta’anii waliin jireenyaafi fayyadamummaa uummataaf hojjechuu qabu jedhan aadde Faaxumaan turtii AMECO waliin taasisaniin. Uummattoota lamaan gidduutti rakkoon akka hin jirre kan himan aadde Faaxumaan, mootummaan of ilaaluufi rakkoolee uummata waliirraa fageessan qorachuun furmaata kennuutu irra jiraata jedhaniiru. Rakkoon naannoo Oromiyaa keessa jiru, rakkoo naannoo Amaaraa ta’uu, rakkoon naannoo Amaaraa keessa jirus kan naannoo Oromiyaa ta’uu hubachuun, rakkoolee gama lamaan jiran waloon furuuf, hoggantootni yeroo kamiyyuu caalaa tokko ta’anii  hojjechuu qabu jedhaniiru. Misoomaafi bulchiinsa gaariitinis, waltumsanii hojjechuu akka qaban himaniiru.

Gammaachuun naannoo Amaaraa jiru, kan naannoo Oromiyaa ta’uu qaba, gammachuun naannoo Oromiyaarra jirus kan naannoo Amaaraa ta’uu qaba jedhaniiru. ‘’Hojiin naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamu kan uummata naannoo Amaaraa fayyadu ta’uu qaba’’ kan jedhan aadde Faaxumaan, kan naannoo Amaaraa keessatti hojjetamus uummata Oromoo kan fayyaduu ta’uu qaba jedhaniiru.

Bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, waliin jireenyaafi tokkummaa uummataa mirkaneessuuf mootummonni naannoolee Amaaraafi Oromiyaa haala mijeessummaa mootummaa federaalaatiin irra deddeebiin marii taasisuu isaanii himaniiru. Rakkoolee muudatan ka’umsa isaanii adda baafachuun furmaata akka argatan tattaaffii hedduun taasifamuu himaniiru. Hayyoonii gama naannoolee lamaaniin jiran nageenyaafi tokkummaa uummataa haala cimsuun danda’amurratti yeroo garaagaraa marii taasisuus ibsaniiru.

Itti aantuun afa yaa’ii bulchiinsa sablammiichaa aadde Hawwaa Mohaammad , uummatni akka uummataatti baroota dheeraaf  tokkummaafi jaalalaan kan waliin jiraateefi uummata biratti rakkoon kan hin jirre ta’uu  himanii, rakkoon jiru  finxaaleessuummaa gama lamaan jiran waan ta’eef  gaggeessitootni rakkoo kana hiikuuf waloon hojjechuun qabu jedhaniiru. Naannoolee lamaan kunneen qulqullina gaggeessaa irrattis xiyyeeffannoon hojjechuun rakkoolee uumaman mariin akka furaman taasisuun itti fayyadamummaa uummataaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachisaniiru.

Alamuu Balaayiin

Oduu

AMECO Hirkoo