Filannoo pirezidantummaa Sadaasa 13 bara 2024 Somaalilaand gaggeessiteen kaadhimamaan paartii mormituu Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii injifachuu Komishiniin Filannoo biyyattii beeksiseera. Kaadhimamaan Paartii Wadaanii Abdirrahimaan Abdullaahiin morkataa jabaa ta’anii dhihaachuun, Paartii Kulmiyyee bakka bu’uun kan dorgoman pirezidaantii Somaalilaand aangoorra turan Musee Bihii injifataniiru. Paartiin ‘Justice and Development’ irraa kaadhimamaan Fayisal Alii filannichaan hin milkoofne.
Ejjennoon walfakkaataa paartilee kanaa eenyuyyu filatamu waliigaltee Somaalilaand Itoophiyaa waliin mallatteessite kan hin mormine ta’uusaaniiti. Ajandaan isaanii biroo dimookiraasiifi dinagdee cimsuu fa’i akka ta’e yeroo duula filannoo isaanii ibsaa turaniiru. Akka Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa Somaalilaand jedhetti yoo ta’eef filannoo kanaaf namoonni miiliyoona tokko ol galmaa’aniiru. Uummanni Somaalilaandis eenyus injifatu fedhiin isaanii ijoo beekamtii idil-addunyaa argachuudha. Sababa kanaaf dhimmi ijoofi hordoftoonni isaanii dhagahuu fedhan nama siyaasaa beekamtii idil-addunyaa isaaniif argamsiisu filachuu ture.
Somaalilaand waggoota 33 dura ‘ani biyya’ jechuun walabummaashee labsattus biyyis ta’e dhaabbanni beekamtii idil-addunyaa kenneef hin jiru. Ta’us, akka biyya of dandesseetti of ilaalti. Dhaabbilee siyaasaafi dimookiraasii ofiis ijaarratteetti. Biyyattiin filannoo naga-qabeessa gaggeessuun karaa nagaa aangoo walirraa dabarsuun kan beekamtudha. Daarektara Akkaadaamii Nagaafi Misoomaa buufata isaa Hargeessaa godhate kan ta’an Mohaammad Faarah Hersii, waggoota 25 darbaniif filannoon dimookiraatawaa Somaalilaand keessatti gaggeeffamuu ibsaniiru. Haata’u malee, hawaasni idil-addunyaa ‘’waan Somaalilaand keessa jiru osoo hin taane waan Somaaliyaa keessa jiruuf xiyyeeffannoo kenna’’ jechuun komataniiru.
Uummannis filannoo naga-qabeessa gaggeessuun hawaasa Baha Afrikaa sababa bu’aa filannoon walitti bu’u keessatti dimookiraasiin qaroomuu isaanii mul’isuu akkasaan barbaadan himaniiru. Sababa kanaaf dhimmi ijoo biraa, akkuma filannoo baroota kaan turanii, waa’ee beekamtii idil-addunyaa argachuurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru. Filannoo marsaa kanaa kan injifatan Abdirrahimaan Mohaammad kanaan dura filannoo bara 2017 dorgomuun mo’amanii turan. Amma sagalee caalmaa argachuun pirezidaantii biyyattii ta’aniiru. Qondaalli kun kana dura dippiloomaatii Somaaliyaa ta’uun tajaajilaniiru. Ergasii Somaalilaanditti deebi’un Paartii Wadaanii hundeessan. Waggoota 11’f afa yaa’ii mana maree biyyattii ta’uunis hojjetaniiru.
Erga aangoo dhufanii bulchiinsi isaanii beekamtii idil-addunyaa akka argatuuf kan hojjetan ta’uu waadaa seenaniiru. Waa’ee waliigaltee hulaa galaanaa ilaalchisee yeroo gaafatamanitti, Somaalilaand biyya kamuu waliin waliigaltee waloo raawwachuuf mirga akka qabdu dubbataniiru. Waliigaltee hulaa galaanaa Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessuu hordofee Soomaliyaa dheekkamsise furuu ilaalchisee faayidaa biyyaalessaa yeroo dheeraa karaa nagaa qabuun muddamicha furra jedhaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin