Dhimmi feedhii misoomaafi ijaarsi nageenyaa dhimmoota addunyaa qoraa jiran keessaa warra ijoodha. Lamaanuu walsimanii deemuu baannaan sochiin guddina misooma biyyaa gama hundaan taasifamutu gufata. Rakkoolee gama kanaan dhufaniif biyyoonni guddina irra jiran daran saaxilamoodha. Biyya misoomaan badhaatee labata aanuuf ceetu ijaaruun kan danda’amu dirree nageenya amansiisaa qabu keessattidha. Nageenyi jiruufi jireenya dhala namaa hundaa ta’uu bira darbee bu’uura waan maraati. Utubaan jabaan biyya tokkoo nageenyadha; qabeenya waloo qaama hundaatis jechuu dandeenya.
Bu’uuraaleen misoomaa saffisaafi qulqullina olaanaan hojjetamanii tajaajila barbaadameef ooluu kan danda’an yoo nageenyi waaraan jiraatedha. Qaamoleen hawaasaa dubbisne tokko tokkos kanuma mirkaneessu. Jiraataan magaalaa Kamisee obbo Mahaammadkabiir Abduu nageenyi faayidaa damdaneessaa qabaachuu dubbataniiru. Nageenyi boorofnaan ijaarsi bu’uura misoomaa hin yaadamu jedhaniiru. Sababa boora’uu nageenyaan ijaarsi hospitaala magaalaasaanii waggaa lama dura xumuramuun kan irra ture hanga har’aatti osoo hin xumuramiin ijaarsisaa harkifatee jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Akkasumallee guddina misooma magaalaarratti dhiibbaa guddaa kan uume ta’uu obbo Mahaammad himaniiru.
Kanaaf hunduu barbaachisummaa nageenyi misoomaaf qabu hubachuun hojii nageenya waaressuu keessatti qooda fudhachuu feesisa jedhaniiru. Waldhibdeen amma deemaa jiru hojii bu’uura misooma gufachiisuu bira darbee hariiroo hawaas-diinagdee diigee rakkoo walxaxaa geessisuu waan danda’uuf qaamoleen hawaasaa irratti dammaquun nageenyaaf dursa kennuu qabu jechuun dhaamaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa, Bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Addisuu Barrihuun nageenyi bu’uuraafi wabii waan hundaati jedhaniiru. Hojjetanii of jijjiiruuf, bahanii galuuf sochii guyyuu ilma namaa keessatti gumaachi nageenyi qabu olaanaa ta’uusaati kan himan. “Sochiin gama hundaan gaggeeffamu kan milkaa’u nageenyi yoo jiraatedha; bakka nageenyi hin jirre misoomni, diimokiraasiifi tasgabbiin hinjiru” jedhaniiru. Sadarkaa bulchiinsa keenyaatti bakkeewwan tokko tokkotti nageenya booressuun adeemsa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gufachiisuuf sochii farreen nageenyaa taasisaa turan laayyoo hin turre jedhaniiru. Kun akkuma jirutti ta’ee hojii qaamoleen callisaa gubbaa hanga gadiitti jiran nageenya waaressuuf qindoominaan hojjetaniin kaayyoon qaamolee kanaa fashalaa’uusaati kan himan.
Haala qabatamaa amma jiruun bulchiinsicha keessatti bu’uuraaleen misoomaa adda addaa jalqabamanii sababa boora’uu nageenyaan addaan citanii turan haala saffisaafi qulqullina qabuun hojjetamanii tajaajila barbaadameef akka oolaniif ciminaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daandiin Harawaacaa aanaa Jiillee Dhummuugaa, Arxummaa Fursiifi bulchiinsa magaalaa Caffaa Roobit walqunnamsiisu ijaarsisaa boora’uu nageenyaan harkifatee turuu himaniiru. Ogeessotaafi konkolaachiftoota Loodarii ijaarsa daandiichaarratti hirmaatan irras miidhaan dhaqqabee turuu kaasaniiru. Ta’us yeroo ammaa hawaasa ballaa hirmaachisuun hojii hojjetameen ijaarsi daandichaa gara xumuraarra gahee jiraachuu obbo Addisuun himaniiru.
Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti haalli nageenyaa amma jiru fooyyee waan qabuuf daandichi yeroo dhihoo keessatti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’a. Nageenya waaressuuf hojiiwwan kutaalee biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti hojjetaman yoo ilaalle gatiin nageenyaaf kaffalamu akka hubannu nu taasisa jedhaniiru. Sochii hawaas-diinagdee akka biyyaatti taasifamaa jiru cimsuuf uummanni bal’aan mootummaa waliin qindoominaan hojjachuun nageenyaafi misooma amansiisaa fiduun biyya waan hundaan badhaate ijaaruu keessatti qooda fudhachuun barbaachisaa ta’uusaa addeessaniiru. Obbo Addisuun, nageenya amansiisaa haalaafi bakka kamittuu lafa qabsiisuun biyya tasgabbii qabdu ijaaruun dhaloota dhufu dhaalchiisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin