Malaanmaltummaan faayidaa garee yookiin dhunfaatiif jecha sirnoota, seeroota, hojmaataafi qajeelfamoota caabsuudha. Gochi kun ijaarsa sirna dimokiraasii, guddina dinagdeefi hawaasummaa jeequun birmadummaa biyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu barmaata aadmaleedha. Malaanmaltummaan iddoon osoo hin daangeessin bakka kamittuu raawwatamuu kan danda’u gocha seeraan alaati. Maallaqa saamuu yookaan matta’a fudhachuu qofaa miti, qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokko itti gaafatamummaa isaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatamummaa isaa fayyadame hojii hin mallee yoo hojjete, malaanmaltummaadha jedhame ni fudhatama.
Naannoo Amaaraatti rakkoon nageenyaa uumame hojimaatni badaafi malaanmaltummaan akka babal’atu daandii saaqeera. Malaanmaltummaan haala barbaadamuun akka hin hojjetamne gufuu guddaa ta’uus jiraattootni naannichaa ni dubbatu.
Mootummaan naannichaa malaanmaltuummaa ballessuuf carraaqqii taasisus haala waqtii ammaa waliin qabatee hiddi isaa waan baballateef hanga barbaadame irratti hojjechuu hin dandenye. Mootummaanis hanga barbaadame hojjechaa jira jechuun hin danda’amu. Gocha kana callisanii kan ilaalan yoo ta’e gaaffii bulchiinsa gaarii ta’uu bira darbee kufaatii biyyaatiif shoora olaanaa taphata. Kanaaf malaanmaltuummaa balleessuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane hojii uummata hundaa waan ta’eef, uummanni eeruun, hirmaataa gochichaa ta’uu dhabuun malaanmaltuummaa balleessurratti shoorasaa taphachuu qaba. Mootummaanis gocha kana hambisuurratti tumsa isaarraa eegamu bahuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenyaati.