Itoophiyaanootni birmadummaa biyyaa, faayidaafi itti fayyadamummaa uummataa irratti waliigaltee waloo cimsuu akka qaban afa yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa obbo Taaggasa Caafoon himaniiru. Waliigaltee biyyaalessaa irratti kan xiyyeeffate, fooramiin lammiilee Paarlaamaa 2ffaan gaggeeffameera. Waliigalteen biyyaalessaa guddinaafi nageenya biyyaaf murteessaa ta’u obbo Taaggasan fooramicharratti haasaa taasisaniin ibsaniiru. Dhimmoota siyaasaa Itoophiyaa, hawaasummaafi diinagdee irraatti garaagarummaawwan ilaalcha jiran seera qabeessa ta’uu kaasaniiru. Haata’u malee birmadummaa biyyaa, faayidaa biyyaalessaafi itti fayyadamummaa uummataa irratti waliigalteen biyyaalessaafi eejjannoo waloo cimsuun akka barbaachisu himaniiru.
Walqixxummaafi faayidaa biyyaalessaa bu’uura kan taasise waliigalteen biyyaalessaa jiraachuu qabas jedhaniiru. Itoophiyaanootni duri garaagarummaa isaanii gara duubatti dhiisuun Itoophiyaa weerara irraa eeganiifi kabachisanii dhalootaaf dabarsuu isaanii kaasaniiru. Kanaafuu dhalootni ammaa tokkummaa isaa cimsuun birmadummaafi faayidaa biyyaalessaa kabachisuuf kutannoon hojjechuu qaba jedhaniiru. Dhimmoota walii hin galamnerratti marii haqa qabeessa taasisuun rakkoolee jiran hiikuun murteessaadha kan jedhan obbo Taaggasan, kaanaafis mariin biyyaalessaa adeemsa gaariirra jiraachuu hubachisaniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri Itti waamamaa mootummaa Dr Tasfaayee Beeljigee, duudhaan eenyummaa waloo Itoophiyaanonni kaleessa ijaaran waliigaltee biyyaalessaa uumuuf haala mijataa kan uumanidha jedhaniiru. Keessattuu fedhiin uummanni nageenyaafi misoomaaf qabu akkasuma kutannoon mootummaan dhimmicharratti qabu waliigaltee biyyaalessaaf haala mijataa uumaniiru jedhaniiru. Mootummaan waldhabdeewwan biyyattii keessatti mul’atan karaa nagaan furuuf tattaaffiin taasisaa jiru fakkeenya ta’uu eeraniiru. Seenessa sobaa addaan nu baasan caalaa seenessa waloo ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa jiru kutannoo mootummaan waliigaltee biyyaalessaa uumuu irratti qabu kan mul’isudhas jedhaniiru. Itoophiyaatti ajandaawwan lammiilee yaaddessan akka jiran eeranii, kanaaf immoo furmaanni waloo barbaadamuu qaba jedhaniiru.
Dhimmoota biyyaalessaa ijoo ta’an irratti ejjennoo walitti dhihaatu qabaachuun nageenya waaraafi badhaadhina biyyaaf murteessaa ta’uu kan himan immoo Ministirri Dhimma Alaa Doktar Geediyoon Ximootiyoosidha. Dhimmoota biyyaalessaa ijoo ta’an irratti hawaasni baay’een ejjennoo walitti dhihaatuufi tokko ta’e qabaachuu qaba jedhaniiru. Akka hawaasa siyaasaa tokkotti itti fufuuf eenyummaa waloofi waliigaltee biyyaalessaa uumuun barbaachisaa ta’uu hubachisaniiru.