Inistiitiyuutiin Fayyaa Naannoo Amaaraa, Bifa Duulaan Yaalii Dhukkuba Busaa Kan Jalqabu Ta’uu Beeksise

Inistiitiyuutiin Fayyaa Naannoo Amaaraa Biiroo Fayyaa naannichaa waliin ta’uun bifa duulaan yaalii dhukkuba busaafi wallaansa kennuuf sosochii taasisuufidha. Duulli sochii yaalaa kun Amajjii 15 hamma Guraandhala 15/2017 kan turuu ta’uu ibsameera.  Kanaanis kutaaleen hawaasaa kuma 500 ol fayyadamtoota ta’uu danda’u jedhamee eegama. Daayirektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Naannoo Amaaraa, Balaay Bazzaabbiih naannichatti torban darbe qofatti namoonni dhukkuba busaaf saaxilaman kuma 29 ta’an dhaabbilee fayyaatti yaalamuu isaanii dubbataniiru. ‘’Gandoonni ammaan dura gabaasa dhukkuba busaa gabaasanii hinbeekne osoo hin hafne gabaasa jalqabuun isaanii baay’achuu tatamsa’ina dhukkubichaa agarsiisa’’ kan jedhan daayirektarichi, tatamsa’ina dhukkubichaa ittisuuf bifa sochii duulaan hojjechuun barbaachisaa ta’ee argamuu kaasaniiru.

Duulichaanis ogeessonni fayyaa mana manarra deemuun namoota mallattoolee dhukkuba busaa agarsiisan hatattamaan meeshaa yaalaa fayyaa si’ataa fayyadamuun ni wallaanu jedhaniiru. Yaalicharrattis buufataaleen eegumsa fayyaa bal’inaan kan hirmaatan ta’uu himaniiru. Busaan hawaasatti rakkoo hamaa akka hintaaneef hunduu qindoominaan duulaan hojjechuutu irra jiraataa kan jedhan obbo Balaay, dhiheessi qorichaafi maallaqaa aanolee dhaqqabuu addeessaniiru.

Ittaanaan ittigaafatamaa Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaraa Malkaamuu Geetinnat, rakkoo nageenyaa naannichatti mudate hordofee, ogeessonni fayyaa bakkaa bakkaatti socho’uun yaalii kennuu dadhabuu isaaniirraan kan ka’e, tatamsa’inni dhukkuba busaa dabaleera jedhaniiru. Keessummattuu haadholiifi daa’imman dhukkubichaaf daran saaxilamaa jiraachuu addeessaniiru. Inistiituyuutichatti Gorsaan Dhukkuba Busaa, Yirdaawu Immiruu bara baajataa 2010 asitti tatamsa’inni dhukkubaa busaa  bara baraan dabalaa dhufuu ibsaniiru. Bara kana walakkeessa waggaatti qofa  dhukkubsattoonni dhibichaaf saaxilaman miiliyoona 1.4 ol galmaa’uu himaniiru. Kunis, kan bara darbee faana yeroo walfakkaataan wal biraatti yoo madaalamu lakkoofsi dhukkubsattootaa daran dabaluu eeraniiru. Duula ittisa dhukkubichaaf birriin miiliyoona 17 ramadamuu eeruun, kanarraas kutaaleen hawaasaa kuma 505 ol fayyadamtoota taasisuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo