Barbaachisummaa Sochii Qaamaa

Sochii qaamaa haala idilee ta’een hojjechuun fayyaa qaamaafi sammuu ilma namaaf faayidaa guddaa qaba. Dhukkuboota baay’eerras nama baraara. Sochiilee qaamaa nama hargansiisan kanneen akka fiigichaa, bishaan daakuu, kubbaa miilaa, deemsa ariifannaafi kkf hojjechuun furdina /ulfaatina qaama keenya to’achuuf ni gargara. Carraa dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, Istirookii (hiddi dhiigaa sammuu cufamuu) dhukkuba sukkaaraa (gosa lammeessoo), dhukkubbii dugdaafi kaansaroota tokko tokkoon qabamuu kan hir’isu ta’uu maddeen adda addaa ni eeru. Haalli jireenya dhala namaa yeroo baay’ee sochii qaamaa idilee garaagaraa waliin waan walqabatuuf akka ispoortii hojjechuutti ilaalamuu mala. Haata’u malee sun qofti gahaa miti. Haala idilee qabeessa ta’een ispoortii hojjechuun baay’ee murteessaadha.

Shochii qaamaa taasisuun faayidaa hedduu qabaachuu kanneen bu’aasaa argan ragaa bahu. Jiraataan magaalaa Kamisee obbo Abduu Mahaammad, sochii qaamaa jalqabuun duratti dhukkuba dhiibbaa dhiigaafi sukkaaraaf saaxilamanii turuu himaniiru. Qoricha dhukkubbichaaf oolu guyyaa guyyaan fudhaachaa turuusaaniiti kan himan jiraataan kun sukkaarri isaanii hamma hin barbaachifneen dabalee turuu kaasaniiru.  Hata’umalee erga sochii qaamaa eegalanii asitti gara hangi sukkaara isaanii gadi dhufuu eeraniiru. Dabaluunis sochii qaamaa idileen taasisuun dhiibbaa dhiigaarraa bilisa akka tahanidha kan dubbatan. Haaluma walfakkaatuun jiraataan magaalaa Kamisee, obbo Indiris Saaniin sochii qaamaa taasisuurraa faayidaa guddaa argachuu addeessaniiru. Sochii qaamaa eegaluun duratti dhiibbaa dhiigaan dhibamaa turuu yaadataniiru. ”Gara mana yaalaa yeroon deemaa turetti ogeessonni fayyaa sochii qaamaa akkan taasisu na gorsaa turan” jedhaniiru. Amma  sochii qaamaa waggaa sadaffaa hojjechaa jiraachuu himuun, dhiibbaan dhiigaa duraan isaan rakkisaa turerraa dandamachuu dubbataniiru.

Ittigaafatamaan waajjira dargaggoofi ispoortii bulchiinsa magaalaa Kamisee, obbo Mahaammad Makiin, sochiin qaamaa fayyaaf faayidaa qabaachuun cinatti nageenyafi tokkummaa cimsuuf shoora guddaa qabaachuu dubbataniiru. Gosoonni ispoortii adda addaa magaalicha keessa waan jiruuf dargaggoonnis ta’e maanguddoonni irratti hirmaachuun fayyummaasaanii akka eeggatan hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo