Taphni waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 35 ffaan bara 2025 qopheessummaa Morokoon kan gaggeeffamudha. Biyyoonni Afrikaa 24 taphicharratti ni hirmaatu jedhamee eegama. Konfedireeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) dorgommichaaf asxaa haaraa waancichaaf qophaa’e magaalaa Morokoo Raabaatitti ifa taasiseera. Haalli qophii asxichaa bobboca seenaa ardii Afrikaafi tokkummaa biyyoota Afrikaa giddu-galeeffachuun kan qophaa’edha jedhameera. Halluuwwan Asxicha ittiin qophaa’e keessaa halluun bifa warqee milkaa’ina, magariisni tokkummaa, diimaan cimina, halluun bifa samii jabina daangaa hinqabne kan ibsanidha jedhame. Boci asxichaa biyyoota Afrikaa, taphattoota, jaalala deggartootaa, waliif yaaduufi tokkummaa haala calaqqisiisuu danda’uun kan hojjetame ta’uusaa Caf Online News hubachiiseera.
Taphni Waancaa Afrikaa bara 2025 Morokoon qophaa’u kun waancaan kubbaa miilaa dhiirootaa Afrikaa akka lakkoofsa Awurooppaatti Mudde 21/2025 hamma Amajjii 18/2026’tti kan geggeeffamu ta’uusaa CAF gabaasasaatiin yaadachiiseera. Dorgommicharratti taphattoonni umurii dargaggummaarra jiran abdatamoo ta’an kan abdii guddaan kan eegaman ta’uu beeksiseera. Taphataan Senegaal Lamin Kaamaraa dargaggeessa waggaa soddomaati. Akkaadamii biyyattitti argamu ‘Generation foot’ seenee leenji’eera. Bara 2024 gareen kubbaa miila Faransaay Meetiz gahumsa guddaa taphatichaa hubachuun garichaaf akka taphatuuf mallatteesisifataniiru. Bara kanas gara garee Moonakootti jijjiiramuun taphachuurratti argama. Taphataan kun tapha waancaa Afrikaa 35ffaa kanarratti gahumsa addaa agarsiisa jedhamee eegama. Walumaagalatti taphattoonni waanchirratti gahumsa guddaa mul’isu jedhamanii eegaman gooli eegdota dabalatee adda baafamaniiru.