Barri Hojii Komishinii Marii Biyyaalessaa Dheereffamuun Himame

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Komishiniin Marii Biyyaalessaa bara hojii isaa akka dheeressuuf gaafatanii turuun ni yaadatama. Miseensonni kunneen waggoota sadan darbanitti komishinichi dhimmoota marii biyyaalessaaf gargaaran ajandaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan baay’ee hojjechuu isaaf galanni kan maluuf ta’uu isaa ibsaniiru.

Komishinichi haalota rakkisoo keessatti hojiiwwan milkaa’ina qaban baay’ee kan hojjete ta’uun ibsameera. Kun akkuma jirutti ta’ee Komishinichi hojiiwwan ijoo ta’an ammatti waan hin xumuriin jiruuf bara hojii isaa dheeressuun biyyaafi uummataaf faayidaa guddaa waan qabuuf manni marii bakka bu’oota uummataa kana bu’uureffachuun gaaffii kan dhiheesseef ture. Dabalataan naannoowwan rakkoon nageenyaa qaban tokko tokko keessatti hojiiwwan hin hojjetamiin hafan yeroon akka xumuru qabu gaaffiin komishinichaaf dhihaateera.

Haaluma walfakkaatuun garaagarummaa yaadaa uumameen meeshaa waraanaa qabatanii qaamoleen bosona galan maricha keessatti hirmaachuun rakkoo isaanii karaa nagaatiin mootummaa waliin dubbatanii akka furatan taasisuufi kanaaf immoo mootummaan kutannoo qabaachuun isaa agarsiifamuu akka qabu manni marichaa kaaseera.

Naannoo Amaaraatti hayyoonni hedduun baay’inaan hidhamanii osoo jiranii mariin adeemsifamu hammam bu’a qabeessa ta’a kan jedhuufi wal waraansi naannoo Amaaraafi Oromiyaatti deema jiru, komishiniichi waliigaltee waraanaa dhaabuu akka  taasifamu  qabu ibsanii, rakkoowwan jiran mariifi waliigalteen furuun walqabatee banaaleen jiraachuu miseensonni mana marichaa tokko tokko kaasaniiru. Komishinarri komishinii marii biyyaalessaa professar Masfin Araayaa, komishinich naannoo Amaaraatti hojiin hirmaattoota adda  baasu akka taasiseefi kan hafan aanaalee saddeet qofa ta’u deebii kennaniiru.  Qaamoleen bosona jiran ajandaa hin dhiyeessine jedheen hin yaadu, kilaastara Baahir Daar, Dabra Birhaaniifi Gondaritti rakkoolee uummataa hedduun dhiyaachuu dubbataniiru.

Bu’uuruma kanaan, Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 4ffaa  taa’een gabaasa raawwii waggoota sadii Komishinii Marii Biyyaalessaa qorachuun barri hojii komishinichaa dabalataan waggaa tokkoof akka dheeratu murteesseera. Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa mana marichaa raawwii komishinichaa erga gamaaggameen booda, komishinichi hojii isaa waliigalaa akka xumuruuf barri hojii isaa waggaa tokkoon akka dheeretu gaaffiin dhiheesse deebii argateera. Komishinichi hojiilee ijoo hafan qabaachuu irraan barri hojii isaa waggaa tokkoon akka dheeratu sagalee mormii 3’n sagalee caalmaan raggaasifameera. Bara hojii dabalataan kennameef keessatti komishinichi hojiilee irraa eegaman hafan akka xumuru gaafataniiru. Barri hojii komishinichaa barbaachisa ta’ee wayita argamu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan barri hojii isa akka dheereffamu labsiin hundeeffama komishinichaan tumameera.

Oduu

AMECO Hirkoo