Loltoota Itoophiyaa Akka Kannisaatti Gurmaa’anii Dugda Dhiisuun Addasaanii Rasaasaaf Kennan

Sirnicharratti loltoota Itoophiyaa duraanii dabalatee Waldaan Itiyoo-Kuubaafi miseensonni dippiloomaasii Kuubaa hirmataniiru.Mahaammad Ziyaad Baaree hogganaa Somaaliyaa ture. Bara 1962 fonqolchaan aangoo mootummaa Somaaliyaa dhuunfachuu isaatu himama. Namichi ‘Somaaliyaa Guddittii hundeessuuf’ kutatee waan ka’e fakkaata. Kanaafis, meeshaa waraanaa Gamtaa Sooviyeetiifi biyyoota guddatan biroo irraa walitti qabate. Loltoota Kumoota dhibbaan lakkaawwaman leenjise. Jaldeemtota hiriirse.

”Daangaa keenya hamma Awaas [Awaash] ti” jechuun bara 1969 ifatti weerara Itoophiyaa irratti banan. Bara1970 Guraandhala 26 ganama gootichi waraana Itoophiyaa dahannoo waraanaa  Karra maarraa cabsuun injifannoo galmeessee birmadummaa Itoophiyaa mirkaneessuu danda’eera. Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Kuubaa Maareen Suwaareez Alvaareez, kun gootonni biyyoota lamaanii waliin ta’uun gatiisaan nageenya buusuuf kaffalanidha jedhaniiru.

Guyyaan kun injifannoo Karra maarraan cinaatti injifannoo dippiloomaasii biyyoota lamaanii waggoota 50 ta’uu himaniiru. Walitti dhufeenyi Kuubaafi Itoophiyaa kaleessa jalqabee har’as itti fufee jiru kun,  hariiroo biyyoota lamaanii gara fuulduraattis miira obbolummaan itti fufa jedhaniiru.Pirezidaantiin Waldaa Gootota Durii Lij Daani’eel Jootee Injifannoon Karra-maarraa ibsituu gootummaa Itoophiyaanotaa kaleessaa hamma har’aatti jiru ta’uu dubbataniiru.

”Yaadannoo injifannoo Karra-maarraa baranaa waanti adda isa taasisu raayyaan poolisii kaleessaafi humni raayyaa ittisaa waliin ta’uun kabajuu isaaniiti. Hundinuu raayyaa ittisaa Itoophiyaati; nuuf lamaanuu ijoollee keenyadha” jedhaniiru.Biyyoonni kanneen akka: Kuubaa, Jarman, Ruusiyaafi Yaman lola kanarratti hirmaachuun Itoophiyaa gargaaruu isaanii kan kaasan Lij Daani’eel, har’as Itoophiyaanonni waloon dhaabbachuun diina qaanessuu  qabu jedhaniiru.

Walitti Qabaan Raayyaa Ittisa Biyyaafi Waldaa Gamtaa Poolisii Itoophiyaa duraanii Birgaadeer Jeneraal Wubatuu Tsaggaayee Ziyaadbaaree qophii baay’ee cimaa taasisaa turee kallattii bahaan kiilo meetira 700, kibbaan kiiloo meetira 300 yeroo haleelaa taasise gama Itoophiyaan qophiin tokkoyyu kan hin turre ta’uu yaadataniiru. ”Haa ta’u malee, injifatamuurraa ooluuf yaada waan tokkoyyu hin qabnu jedhu qabannee   Itoophiyaanota hunda qindeessuun injifachuu dandeenyeerra” jedhaniiru. Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa haala teessuma lafaa tarsiimawaa qabaachuu ishee hordofee waraanni baay’een taasifamuu ibsaniiru.

Haa ta’u malee, waamicha biyya baraaruu Pirezidaantiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa Mangistuu Haayilee Maariyaam taasisaniin, yeroo gabaabaa keessatti waraana hidhate qopheessuun lola rakkisaa taasisuu kaasaniiru. Ta’us waraanichi gootummaafi tooftaa loltonni Itoophiyaa taasisaniin waraanni Somaaliyaan bante injifannoo Itoophiyaan goolabamuu addeessaniiru. Yeroo sanatti gootota waraanaa kanneeniif kabajniifi kunuunsi barbaachisaa hin taasifamneef jechuun qeeqa dhiheessaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo