Itoophiyaan Injifannoo Waraanaa Yeroo Garaaga raa Galmeessifte Tiksuuf Jijjiirama Siyaas-Diinagdee Fiduufi Tokkummaa Kees soo Cimsuu Barbaada

Itoophiyaan jaarraa hedduuf aggaammiifi weerara garaagaraa ishee mudateera.Yeroo kamiyyu waraana irratti baname injifannoon qolachaa as geesseetti. Injifannoo ji’a guraandhalaa tibbana kabajne Adwaafi karra-maarraan kannneen muraasadha. Adwaan ijifannoo Itoophiyaanotaa qofa osoo hin taane injifannoo gurraachota hundaati.

Uummatootni Afrikaafi gurraachota ardii hundaa keessatti argaman gita bittaa koloneeffattotaa jala bahuuf karaa kan saaqe injifannoo Adwaadha. Injifannoo Adwaa booda Itoophiyaa si’a lama waraanni biyya alaa irratti banameera. Inni tokkoffaan weerara xaaliyaaniin haaloo Adwaa nurratti bante yoo ta’u inni lammaffaan immoo weerara soomaaliyaadha. Weerarri Soomaaliyaa injifannoo Karra-maarraan xummurameera. Weerarri xaaliyaanii lammaffarratti akka Adwaa yeroo gabaabaatti ofirraa qolachuuf hin danda’amne.

Adwaan booda waggaa 40 xaaliyaaniin teknoloojiifi siyaas-diinagdeen jijjiirama keessa yoommu seenan, Itoophiyaan hedduu osoo hin tarkaanfatiin argamte. Kunis xaaliyaan waggaa shaniif Itoophiyaa keessa akka turtu dandeessiseera. Itoophiyaanonni birmadummaa biyyaa eegsisuuf cimina qabnu, siyaas-diinagdeen jijjiiramuufi tokkummaa keessoo cimsuurratti boodatti hafoodha. Kunis diina biyyoota alaaf nu saaxilaa tureera. Injifannoo Adwaafi karra-maarraarratti arganne tiksuuf diinagdeefi tokkummaa keessoo cimsuu barbaada. Biyyootni raayyaa Ittisaa cimoofi diinagdee guddaa ijaaran waraana fagootti hanbisuu danda’u. Yoo waraanni isaan mudates kisaaraa xiqqaan diina ofirraa qolatu. Akka biyyaatti sadarkaa kana irra gahuun nu barbaachisa. Yeroo hunda waraana injifachuun qofti galma ta’uu hin danda’u. Aarsaan lammiilee hedduufi mancaatii qabeenyaa, maraamartoo hiyyummaafi boodatti hafummaa keessa nu tursiisa. Kanaafuu, biyyaa kabajamteefi saalfatamtee itti fufsiisuuf jijjiirama siyaas-diinagdee fiduun tokkummaa keessoo cimsuu yoommiyyu caalaa yeroo nu barbaachisuu irratti argamna.

Previous article
Next article

Oduu

AMECO Hirkoo