Oomisha Kuntaalaa Miliyoona 180 ol Argachuuf Hojjechaa Jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannoo Amaaraa Beeksise

Naannoo Amaaraatti bara oomishaa 2017/2018tti  oomisha kuntaala miliyoona 187 ol oomishuuf karoorfame hojjetamaa jiraachuj ibsameera. Biiroon qonnaa naannoo Amaaraa naannichatti lafa heektaara miliyoona shan tuqaaa afur sanyiin kan uuwwifamu ta’u kan ibse yoo ta’u,  kana keessaa lafa heektaara miliyoona lama tuqaa torba oomishaawwaan gurguddoon tuteeffamaan kan haguugamu ta’uu ibsameera.

Oomisha karoorfame milkeessuuf hojmaatawwan gabbina biyyee dabaluu danda’an irratti, eegumsa midhaaniifi kununsa dabalatee, leenjiwwan hariiroo qonnaan bultootaafi ogeessoota guddisuu danda’an irratti xiyyeeffatan kennameera.

Itti aanaan itti gaafatamaa  biiroo qonnaa naannoo Amaaraa Qaalkidaan Shifarraaw oomisha karoorfame milkeessuuf, qulqullina itti fayyadama galtee guddisuu, oomishaawwan bal’inaan oomishaman irratti caalatti xiyyeeffachuu, asidummaa biyyee  ittisuufi yaaluu akkasumas hojmaataawwan fooyya’aan fayyadamuun qindoominaan hojjechuun akka barbaachiisu hubachisaniiru.

Oomishaafi oomushtummaa guddisuun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi karoora traansfoormeeshinii qonnaa milkeessuuf, dhaabbiilee qo’annoorraa, dhaabbilee barnootaa olaanoofi dhaabbiilee gahe qabeessoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa himaniiru.

Hirmaattootni leenjichaas, leenjichi oomishaafi oomishtummaa naannawa isaanii guddisuuf humna akka isaaniif uume ibsaniiru. Yeroo itti aanutti ogeessoota qonnaa leenjicha hin arganne dandeetti isaanii guddisuun, bara oomishichaan kan karoorfame milkeessuuf qophii dursaa irraa hanga hojjirra oolutti qindominaan akka hojjetamu himaniiru. Naannichatti iddoolee hundatti leenjiin ijaarsa humna  ogeessoota qonnaafi hoggantoota qonnaaf kennamaa jira.

 

Oduu

AMECO Hirkoo