Adeemsi Seera Kabachiisuu Malaanmaltummaarrattis Ta’uu Qaba

Biyyi malaanmaltummaan itti baballate guddachuu hin dandeessu. Malaanmaltummaan guddina diinagdee, siyaasaafi hawaasummmaa biyya tokko kan duubatti hambisuudha. Addunyaa kanarratti namootni yookiin dhaabbileen daldala dolaara tiriliyona 1.5 ol ta’u waggaa tokko keessatti matta’a akka kaffalan ragaaleen yeroo garaagaraa bahan ni mul’isu. Kun immoo malaanmaltummaan waraana, dhukkubootaafi balaa uumama irra bifa gadi hin taaneen, rakkoo dachee kanaa akka ta’e agarsistuu guddaadha.

Keessattuu, malaanmaltummaan biyyoota guddataa jiran keessatti, misoomaafi guddinni biyyaa akka qucaru, sirni bulchiinsa mootummaas akka dadhabu, bu’uuraaleen misoomaa biyyattii keessatti akka hin babal’anne taasisuun miidhaa guddaa dhaqqabsisaa jira. Malaanmaltummaan tajaajila waajjiraaleen kennan waan laamshessuuf keessumaayyuu lammiilee harka qalleeyyii ta’an tajaajila haqa qabeessa akka hin arganne dhiibbaa olaanaa irratti umuu ni danda’a. Gochi kun mootummaanis galii argachuu qabu haala olaanaa ta’en xiqqeessuu ni danda’a. Malaanmaltummaan gocha biyya ajjesuu waan ta’eef xiyyeeffannoon itti laatamee akka waraana seera kabachiisutti tarkaanfiin itti fudhatamuu qaba.

Haata’umalee gochi kun kan raawwatamu qaamolee hawaasa keessaa bahaaniin waan ta’ef hawaasichi gama hundaan gocha malaanmaltummaarratti hirmaachuu hin qabu. Malaanmaltoota saaxiluun hojii olaanaa uummataa ta’uu qaba. Mootummaanis malaanmaltoota uummatichaan saaxilamanirratti tarkaanfii cimaa irratti fudhachuun malaanmaltummaa hiddasaarraa gogsuu qaba. Malaanmaltummaan biyya kan ajjeesu waan ta’ef akkuma hojiilee mootummaa hundaatti malaanmaltummaafis xiyyeeffannoo laachuun hojiin dhabamsisuu hojjetamuu qaba.

 

Oduu

AMECO Hirkoo