Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaan waggaa waggaan kan gaggeeffamu shaampiyoonaan Liigii Olaanaa Itoophiyaa xumuramuuf taphawwan afur qofatu hafa. Shaampiyoonichi adeemsifamaa kan jiru ramaddii lamaan yoo ta’u ramaddii tokkoffaa keessatti kan argamu kilabni Shaggar Siitii taphni afur isa hafus qabxii 45niin ramaddiisaa dursaa jiraachuun gabaafamee tureere. Ramaddii kana keessatti kilaboonni 12 hirmaachaa kan jiran yoo ta’u sadarkaa lammaffaarratti kan argamu Kilabni Beenchi Maajii akkuma Shaggar taphawwan afur isa hafus qabxii 34’n itti aanaa jira.

Kilaboota Liigii Olaanoo Itiyoophiyaa keessatti hirmaachaa kan jiru Kilabni Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaggar gara Piriimeer Liigii Itoophiyaatti guddachuu  mirkaneeffateera. Taphoota liigii Olaanoo Itoophiyaa torbee 18ffaa taphatameen Magaalaan Shaggar galchii 5 fi 1 n Injibaaraa injifateera. Kilabni Shaggar taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 45 walitti qabachuu taphoonni 4 osoo hafuu Piriimeer Liigii Itoophiyaatti guddachuusaa kan mirkaneeffatedha. Haaluma kanaan taphawwan arfaffaa hafanitti Beenchi Maajiin hundattuu yoo mo’ate qabxii 44 irra waan qubatuuf Shaggar ammoo taphawwan isa hafan mara mo’amus qabxii 45 waan kuufateef shaampiyoonaa ta’uun gara piriimeerii liigii Itoophiyaa bara 2018 kan makamu ta’a.

Ramaddii lammaffaa keessattis kilaboonni 12 kan argaman yoo ta’u Oromiyaa bakka bu’uun hirmaachaa kan jiru kilabni Nageellee Arsii taphawwan shan isa hafe ramaddii kana qabxii 36’n dursaa jira. Kilabni Alaabaa ammoo haaluma wal fakkaatuun taphawwan shan isa hafe qabxii 33n itti aanaa jira. Ramaddii kanarraa kilaboonni lamaanuu akkuma amma walduraa duuba jiranitti taphawwan isaan hafanitti yoo mo’atan Nageellee Arsii ramaddii kanarraa tokkoffaa waan ta’uuf Shaggar Siitii wajjin gara liigii piriimeer liigii Itoophiyaatti ce’uuf carraan  bal’aa qaba tilmaamni jedhu jira.

Oduu

AMECO Hirkoo