Rakkoo dhiheessii annisaa Paarkii Agro-Indaastirii j’oota muraasa keessatti furuuf hojjetamaa jira

Paarkiin agroo indaastirii Buree daangaa naannoo Amaaraafi Oromiyaa irratti waan ijaarameef fayyadamummaa hawaasaa lamaaniif gahee guddaa kan qabudha. Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan indaastirii naannoo Amaaraa abbootii qabeenyaa Paarkii qindaa’aa agroo Indaastirii Buree keessatti argaman waliin marii geggeesseera. Sadarkaa ittaanaa bulchaa olaanaatti qindeessaa damee magaalaafi ittigaafatamaa Biiroo magaalaafi bu’uuraalee misoomaa naannoo Amaaraa Ahimaddiin Muhaammaad (Dr.) Bureefi naannawaasaatti paarkiin agroo indaastirii ijaarame dhiheessiifi bu’uuraalee misoomaan of danda’ee humna guutuun gara hojiitti seenuu kan barbaadu ta’uu dubbataniiru.

Paarkii agroo indaastirii Buree keessatti yeroo ammaa pirojaktiiwwan indaastirii 40 qofti hojiirra kan jira ta’uu yaadachiisaniiru. Dabaluun Indaastiriiwwan sadii maashina galchaa jiraachuu kaasaniiru. Ittigaafatamichi, kanneen hafan ammoo sababoota adda addaan gara hojiitti hingalle jedhaniiru. Kaayyoon marichaa haala waliigalaa paarkii indaastirichaa hubachuun haala ittiin gara hojiitti galuu danda’u mijeessudja jedhaniiru.

Rakkoowwan jiran furuufi kallattiiwwan furmaataa kaa’uuf waliigaltee waloo uumuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Ministeera Indaastiriitti hojii raawwachiisaan bu’uura misoomaafi ijaarsaa Admaas Yifruu ”ministeerri indaastirii paarkiin agroo indaastirii Buree humna guutuun gara hojiitti akka seenuuf mootummaan deggersa barbaachisaa ni taasisa” jedhaniiru. Keessumaa rakkinni humna ibsaa waliin walqabatu ji’oota muraasa keessatti furmaata akka argatu himaniiru. keessumattuu rakkoon ibsaa waliin walqabatee ka’u ji’oota muraasa keessatti ni furama jedhaniiru. Dabalataan abbootiin qabeenyaa dhiheessii anniisaa waliin wal qabatee sodaasaan qaban yeroo ittaanutti waan furamuuf humna guutuun gara hojiitti seenuuf of qopheessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma indaastirii paarkiiwwanii naannoo Amaaraa Biraanuu Xaamyaaleewu Bureefi naannaawaansaa damee qonnaa naannichaaf humna guddaa kanneen qaban keessaa tokko ta’uu kaasaniiru. Kana hubannoo keessa galchuun paarkiiwwan indaastirii waliin walitti hidhuuf paarkichi kan ijaarame ta’uusaa himaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo