Ispoortiiwwan magaalaan Baahir Daar kanaan dura ittiin beekamtu keessaa ispoortiin bishaan daakuu isa tokkodha. Waggoota darban keessa atileetonni milkaa’oo dorgomanii naannoofi biyya keenya bakka bu’an magaalaa Baahir Daar keessaa ba’aniiru. Magaalattii keessatti kilaboonni ispoortii bishaan daakuu lama jiraatanis akka waliigalaatti ispoortiin kun yeroo ammaa gadi bu’aa jira. Magaalaa gandaa bishaan daakuu baay’eefi Haroo Xaanaafi bu’uuraalee barbaachisoo ispoortii bishaanii qabdu keessatti ispoortiin bishaan daakuu gadi bu’uunsaa namoota biratti komii kaaseera.
Balaachawu Malaak amma Murteessaa (coach) Ispoortii Bishaanii Idil-addunyaa yoo ta’u, dorgommii barasaanii ispoortiin bishaan daakuu magaalaa Baahir Daariitti gaggeeffamaa ture haala kanaan yaadata. Akkanni jedhutti, baroota darbe atileetonni, leenjistoonni ispoortii kanaaf fedhii gadi fagoo akka qaban himeera. ‘Atileetonnis naamusa kan qabaniifi ispoortii kana kan jaallatan turan jedheera. Kunneen dorgommii naannoofi biyyaalessaa irratti milkaa’ina kan argatan yoo ta’u, waltajjiiwwan adda addaa garee biyyaalessaa bakka bu’uun hirmaachuu danda’uu isaaniis dubbateera. Amma garuu, murteessaan bishaan daakuu idil-addunyaa kun akka ibsutti, ispoortiin kun laafaa dhufeera.
Kilaboonni Boolla Bishaanii Qotuu Amaaraafi Tajaajila Bishaanii magaalaa Baahir Daar magaalattiitti argamanis rakkoolee garagaraa isaan mudachaa jiraachuufi atileetotni dorgomoo ta’an gara isaaniitti dhufuu dhabuu isaanii ibseera. Waldorgommii bishaan daakuu dargaggoota 8 ffaa Guraandhala darbe magaalaa Arbaa Minciitti gaggeeffameen Naannoon Amaaraa 2ffaa bahuun isaa yaadachiisaniiru. Sagantaa kana irratti atileetonni kilaboota magaalaa Baahir Daar lamaan, akkasumas Kilaboonni Huccuu Kombolchaafi Bishaan Alfaa Xaaqusaa naannicha bakka bu’uun qophaa’uun isaanii hirmaachuu himaniiru. Haata’u malee atileetonni kilaboota magaalaa Baahir Daar irraa meedaaliyaa tokkollee hin injifanne jedheera.
Pirojaktii Dhiheessii Bishaan Huccuu Baahirdaar keessatti ispoortii bishaan daakuu hojjechaa kan jirtu Soliyaanaa Balaay umriin ishee waggaa 11 akka ta’ee fi ji’oota 11 leenji’aa akka turte himteetti. Yeroo leenjii ishee gosa bishaan daakuu hunda shaakaluun jijjiirama guddaa akka fidde dubbatteetti. ”Hiriyyoota koo dabalatee yeroon gara pirojaktii kanaa dhufu muuxannoo bishaan daakuu hin qabuun ture; amma garuu carraaqqii leenjistootaatiin daaktuu bishaanii gaarii ta’eera,” jetteetti. Dargaggeettiin kun dirree irratti biyya ishee bakka bu’uun waltajjii biyyaalessaafi idil-addunyaa irratti dorgomuun abjuu ishee ta’uu dubbatteetti. “Abjuu koo dhugoomsuuf meeshaalee ispoortii barbaachisoo ta’anis deeggarsa nan gaafadha” jetteetti.