Aanaa Arxummaa Fursiitti jiraattota kilaastara Fursii waliin mariin geggeeffameera. Gandoonni kilaastarichaa hidhattoota seeraan alaan rakkoof saaxilamaa turan hedduun yeroo ammaa hojii qindoominaa raayyaa ittisa biyyaafi caasaalee nageenyaa waliin ta’uun hojjetaniin naannichatti nageenyi waaraa dhufuu danda’eera. Dhimmoota nageenya argame itti fufsiisuun danda’amu irratti hoggantoota bulchiinsa sab-lammichaafi qondaaltota raayyaa ittisa biyyaa gidduutti mariin taasifameera.
Waltajjicha irratti jiraattonni kilaastara Arxummaa qaamoleen hidhannoo seeraan alaan socho’an dhaabbileen fayyaafi barnootaa tajaajila akka hin kennine taasisuun uummaticha qoraa turuu ibsaniiru. Aanichatti jiiraataan ganda Qiciicoo obbo Ahimad Hajii ”qaamni lammii koofin qabsaa’a jedhu kamuu dhaabbata bishaan dhugaatii hawaasni itti fayyadamu mancaasuu hin qabu” jedhaniiru. Jiraatichi gochi ta’e faallaa kanaa ta’uu himuun, hawaasni tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu akka hin arganneef wanti raawwatame gaarii ta’uu dhabuu isaa yaadachisaniiru.
Haaluma kanaan, bulchaan aanaa Arxummaa Fursii, obbo Ibiraahim Alii, ”hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu bifa qindoomina qabuun hojjetameen haala qabatamaa amma jiruun naannawichi gara nageenya idilee isaa duraaniitti deebi’eera” jedhaniiru. Kanaan duratti dhaabbanni tajaajila bishaanii dhugaatii hawaasaaf tajaajila kennu qaamolee kanaan manca’ee ture baajata mootummaa birrii kuma 600 oliin suphamee gara tajaajilaatti deebi’ee jiraachuu ibsaniiru.
Bulchaan olaanaa Bulchiinsa sablammii Oromoo, Ahimad Alii, ”dhaabbilee hawaasummaa mancaasuun fayyadamummaa uummataaf yaaduu dhaabuu kan mirkaneessudha” jedhaniiru. Nageenya waaraa argame itti fufsiisuuf uummanni aanichaa mootummaa cinaa hiriiruun nageenyaaf dursa kennuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru. Naannawichatti nageenya itti fufinsa qabu mirkaneessuuf qaamolee hidhannoo seeraa alaa hidhatanii socho’an irratti uummata hirmaachisuun hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu qindoominaan hojjetame jijjiirama gaarii argamsiisee jiraachuu kan himan bulchaan olaanaa kun, ammas gara fuulduratti cimee kan itti fufu ta’uu isaa hubachiisaniiru.