Qunceen Wal-gargaartee Arba Hiiti

        

Jiruufi jireenya kamiyyuu keessatti hirmaannaan hawaasichaa murtessaadha. Hojiilee mootummaan raawwatu keessattis gaheen hawaasichaa hangana kan jedhamuu miti.  Guddina nama dhuunfaarraa eegalee hanga misooma biyyaatti abdiifi mul’anni kamuu nageenya malee tasumaa milkaa’uu hin danda’u. nageenyi kunis kan milkaa’u yeroo uummanni damaqinaan hirmaatudha.

Nageenyi uummata hirmaachise, itti fufiinsa kan qabuufi abdachiisaadha. Hawaasni tokko qaama mootummaa nageenya egsisu waliin qindominaan kan hojjetu yoo ta’e qaamoleen farra nageenyaa ta’an iddoon itti seenan hin jiru. Kanaaf yoomiyyuu taanaan nageenya waaraa fiduuf hawaasicha hirmaachisuun furtuudha.

Naannoolee Amaaraafi Oromiyaatti, rakkoo nageenyaan miidhaan hawaasarra gahaa waan tureef,  yeroo ammaa hawaasni naannoolee kanaa tokkummaa isaa cimsee nageenya isaa miraneessuuf hojjechaa jiraachuu ni ibsama. Kanaan dura qonnaan bulaan rakkoo nageenyaa mudateen misoomarraa fagaatee ture yoo ta’u yeroo ammaa nageenya fooyya’aa argame fayyadamuun, lafa isaa qotuun oomishaawwan adda addaan uwwisaa jiraachuun himameera.  Hawaasichaafi qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun isaanii nageenyi waaraa akka argamu taasiseera; kanaanis waggoottan darban lafa sababa rakkoo nageenyaatiin hin qotamiin turees yeroo ammaa misoomaa jiru.  Daandileen kanaan dura sababa garaagaraan yeroo tokko tokko cufamaa turanis yeroo ammaa tajaajilaa guutuu ta’e kennaa jiru.   Egaa uummanni firii nageenyaa kana dhandhamuu kan danda’e waan qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjeteefidha.

Waan kana ta’eef hariiroon uummataafi qaamolee nageenyaa kun kan yeroo gabaabaa osoo hin taane haala dhaabbataa ta’een jiraachuu qaba. Kana taanaan hawaasichi nageenya isaa waan argatuuf gumaachi inni diinagdee hawasaa keessatti qabu olaanaa waan ta’uuf yoomiyyuu taanaan hariiroon hawaasichaafi qaamolee nageenyaa cimee itti fuufuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’aati.

 

Oduu

AMECO Hirkoo