Duudhaa Araaraa: Furmaata Waldhabdee Dhala Namaa

                                    

Arrabaaf ilkaan iyyuu walitti bu’aa jiraata. Dhagaafi Bishaanis akkasuma. Miilli bitaafi mirgaas osooma deemu walitti bu’a kanneen jedhaman mammaaksota muraasa jiruufi jireenya keessatti uumamni illee walitti bu’uu isaanii mul’isuuf mammaakame keessaa isaan muraasa. “Aak jedhan waa tufan, mammaakan waa himan” akkuma jedhamu dhimmi nuti barruu keenya Afoolaan eegalles, dhala namaa gidduu qofa osoo hin taane uumama gidduutti illee walitti bu’iinsi akka uumamuu malu agarsiisuufi. Sirni araaraa akka aadaa biyya keenyaattis kutaalee biyyatti garagaraatti maqaafi sirnoota adda addaa haa qabaatu iyyuu malee Kaayyoon Isaa wal fakkaataadha. Qaamota wal dhaban kan garaan walitti gaddeefi ija diimaan wal ilaalan bakka tokkotti fidee ija wal qixaan ilaaluun sirna murtii haqaa kennudha. Aadaa araaraa kanattis baroota dheeraa dura itti dhimma bahaa abboota isaanii irraa kan fudhatan har’as itti gargaaramuun rakkoo isaanii furachuu irratti kan argaman hawaasni Bulchiinsa Sablammii Oromoo isaan adda dureedha.

Akka bulchiinsa magaalaa Kamiseettis Aadaan sirna araaraa kun yeroo har’a kana madda furmaata rakkoo tahuun lubbuun baduufi qabeenyi manca’uu hedduu balaa irraa baraaruutti kan argamu sirna kabajamaadha. Sirna araaraa gaggeessuufis adeemsa mataa isaa kan qabuufi qaama wal dhabe lamaan gidduutti murtii haqaa murteessuuf maanguddootni isaan barbaachisoodha. Qaamni wal dhabe sun namayyoo maanguddoo sanaa yoo ta’e illee araaraaf yeroo taa’anitti firummaafi wal beekuun dhimmi gulantaa sana keessa hin seennedha. Dhugaaf haqa qofa irratti hundaa’uun murtii barbaachisu kennuu qofa irraa eegama. Obbo Ahimad Jawaar Sulxaan Abbaaa Gadaa Bulchiinsa magaalaa Kamisee yoo ta’an, ”aadaan sirna araaraa kun abbootii Keenya irraa as nutti darbe, nutis har’a itti gargaaramuun rakkoo keenya ittiin furachaa jirra” jedhaniiru.

Dursa qaama wal dhabe sana lamaan gar-tokkotti fiduun gaaddisa jalatti gamaaf gamana teessisu. Bakka kanattis meeshaa kamiyyuu hidhachuun taa’uun kan dhorkamudha; meeshaa qaban hundas ofirraa baasuun fuula maanguddoo biyyaa dura erga kaa’atanii booda, hunduu yaada isaa wal duraa duubaan jaarsolii kanaaf iftoominaan dubbatu jedhan abbaan Gadaa kuni. Akka Abbaan Gadaa kun jedhanitti, namootni wal dhaban kun araara marsaa duraan rakkoon mudate furamuu yoo baate hanga marsaa sadiitti araaraaf yeroo taa’amutu jira. Boodarra qaamoleen wal dhaban walitti araaramuun osoo maanguddonni ilaalanii wal hammatanii wal dhungachuun diinummaa isaanii dhiisanii obbolummaa isaanii mul’isu jedhaniiru. Kan balleesses badiin itti murtaa’e achumatti re’ee qaluun nyaanne nageenya buusuu isaaniif maaddii tokko  irraa soorachuun adda baana jechuun yaada isaanii nuuf qoodani abbaan Gadaa kuni. Haaluma walfakkaatuun maanguddoo biyyaa kan ta’an obbo Yesuuf Indiris ”rakkoolee xixiqqoo hanga warra gumaa araarsuun hojii keenya idileedha” jedhani.

Jaarsoliin kunneenis hojii isaanii idilee dhiisuun hojii araaraa kana irratti akka fuulleffatan nuuf kaasuun, “maaguddoon qabeenya biyya tokko isa guddaafi nagahuma bal’ifti” jechuunis gaheen maanguddoo nageenya biyyaaf qaban olaanaa ta’uu dubbataniiru. “Waqtii araaraa taasisuuf qaamota wal dhabee walitti fidnu bakki filatamu gaaddisa Odaa jedhamuun magaala keenya Kamisee keessatti argamudha” kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Kamiseefi maanguddoo biyyaa kan ta’an obbo Hasan Nuuruuti. “dhimmi gaaddisni kun filatameefis qabbana barbaadamaa rakkoofi wal dhabdeen haa baddu jechuun araaraaf nageenya buusuuf gaaddisa filatamudha jedhaniiru. Aadaa Oromoo keessattis gaaddisa jala taa’anii rakkoo ofii furachuufi waliin mari’achuun dhimma baratamaa ta’uu dubbataniiru. Gaaddisa Odaa jedhamuun beekamu magaala kamisee keessatti argamu kanas irraafi jalasaa bineensi akka hin bulle kan himan maanguddoon kun rakkooleen hedduun gaaddisa kana jalatti furamaniiru jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

“Yeroo wal dhabdeen uumamu maanguddoon baatee gaaddisa jalatti dhugaa walii baaftee rakkoo furuun seera ganamaati” kan jedhan ammo Abbaa Bokkuu Bulchiinsa sablammii Oromoo Obbo Adam Ahimadidha. Maanguddoon nama wal hin caalchifne dhugaa qofa dubbatan akka Godina keenyaa hedduu qabna jedhu Abbaan Bokkuu kuni. Rakkoolee naannawaa keenyatti mudatan irra darbuun dhageettiifi kabaja qabnuuf jecha waldhabee Ittuufi Karrayyuu gidduu ture, naannoo Oromiyaa deemnee furuu dandeenyeerras jedhaniiru. ”Aadaa hawaasa keenyaa keessa Abba-gaar kan jedhamu jiru. Isaan hedduu kabajamu wayita bishaan waraabbachuuf deeman illee haadha warra Abba-gaar dura namni hin waraabbatu” jechuun kabajaafi dhageettii Abba-gaarotni qaban guddaa ta’uusaa maanguddoon kun dubbataniiru. Badiin Abbagaariin furame illee haalan waan kabajamuuf deebi’anii haaloo walitti qabachuun siruma waan hin yaadamne dhas jedhani.

Namni Afaan Oromoo, yookiin afaan Am“yeroo wal dhabdeen uumamu, jaarsoliin baatee gaaddisa jalatti dhugaa walii baaftee rakkoo furuun ala hiree abii/biraa hin qabduu” kan jedhan ammo Abbaa Bokkuu Bulchiinsa sablammii Oromoo Obbo Adam Ahimad dha. Maanguddoon nama wal hin caalchifne dhugaa qofa dubbatan akka Godina keenyaattis hedduu Qabna jedhu Abbaan Bokkuu kun. Rakkoolee naannawaa keenyaa irra darbuun dhageettii  fi kabaja qabnuuf jecha waldhabee Ittuufi karrayyuu gidduu ture, naannoo Oromiyaa deemnee furuu dandeenyeerras jedhan. Aadaa hawaasa keenyaa keessa Abbagaar kan jedhamu jiru. Isaan hedduu ni kabajamu wayita bishaan waraabbachuuf deeman illee haadha warra Abba gaar Dura namni hin waraabbatu jechuun kabajaa fi dhageetti abbagaarotni qaban guddaa ta’uus maanguddoon kun nuuf himaniiru. Badiin abbagaariin furame illee haalan waan kabajamuuf deebi’anii haaloo walitti qabachuun sirumaa waan hin yaadamne dhas jedhani. Maanguddoon biroo obbo Ibraahim akka jedhanitti, yeroo durii namni nama ajjeese ykn qabeenya namaa saame hedduu hawaasa keessatti jaallatamummaa hin qabu. Jaarsoliin akkuma eebba beektu nama akkas godhu abaaruu qabdi”  yaada jedhu kaasaniiru.

Namni Afaan Oromoos ta’e afaan Amaaraafi afaanota biroo dubbateef Amaara, Oromoofi kan  biraa jedhamuu hin qabu, akkasuma amantaa muuslimaa ykn kiristaanaa hordofeef walqoqqooduun sirrii miti jedhaniiru. Qaamni kamuu afaan barbaade dubbatuyyu amantaa barbaade hordofes inni “NAMA” dha jedhan maanguddoon kuni. Akka bulchiinsa magaalaa Kamiseettis abbootii amantaafi maanguddoo biyyaa hedduu qabna kan jettu ammoo itti gaafatamtuu waajjira Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa magaalaa Kamisee aadde Zaaraa Abubakar Umari. Jaarsolii biyya kana waliin taanee tokkummaan rakkoo keenya furachaa wal jajjabeessuun hanqinaalee jiran guutaa jirras jetti. Akka waajjira Aadaaf Tuurizimii bulchiinsa magaalichaatti karoora bal’aa qabatanii bal’inaan irratti hojjechuuf karoorfachuuf himaniiru. Aadaa jabaa tahe hawaasa keenya keessatti beekamaa tahe kana dhaloota itti aanuuf dabarsuuf qamni dhimmi isaa ilaallatu hundi irratti hojjechuu qabaan dhaamsa barruu keenya marsaa kanaati.

Oduu

AMECO Hirkoo