Qophii Qormaataa Xiiqiin  Guutame 

                          

Bara 2015tti firiin qormaata seensa yuunivarsiitii galmaa’ee rifaatii guddaa uumee turuun ni yaadatama. Cabiinsi damee barnootaa irratti mudate kun akka agarsiistuu tokkootti fudhatamee furmaata argachuu akka qabu xiyyeeffannoo sadarkaa hundatti argachuun hojiitti seenameera. Sirni barnootaa haaraan hojiitti hiikamuuniifi sirni qormaataa hannarraa bilisa ta’uunsaa carraaqqii dhamaatii malee darbuutti karaa kan cufeedha. Sadarkaa biyyaatti barattoota kutaa 12ffaa bara 2016 qoraman keessaa kan qabxii darbinsaa galmeessan dhibbantaa 5.4 ta’uu ragaan Ministeera Barnootaa irraa argame ni mul’isa. Firiin qormaataa kutaa 12ffaa bara 2016 kun kan bara 2015 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbantaa 2.2 dabaluun fooyya’insa xiqqoo argisiisuu isaa ragichi ni mirkaneessa.

Maarree haaluma kanaan, barri barnootaa haaraan naanna’ee dhufuun dirqama waan ta’eef qormaanni baranaas barattoota haaraaf kennamuuf guyyoota muraasa qofatu hafa. Manneen barnootaa qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanaa gama onlaayiniin barattoota qorsiisuuf qopheessaa jiran keessaa Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa magaalaa Kamisee isa tokkodha. Manni barumsaa kun barumsa haala gaariin kennuun qabxii barattootaa fooyyessuuf carraaqaa jiraachuu odeeffanneerra.

Mareem Adam yeroo ammaa barattuu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Kamisee yoo taatu, baroota darbanitti cimtee qo’achuun qormaata kutaa 8ffaafi kutaa 10ffaatti fudhatte qabxii gaarii galmeessuu himteetti. Bu’uuruma kanaan, qormaata kutaa 12ffaa baranaan qabxii gaarii galmeessuuf qophii gahaa taasisaa akka jirtu dubbatteetti. Qabxiin qormaata barattoota kutaa 12ffaa baroota darbanii rifaasisaa ta’us jabaattee hojjechuuf miira xiiqii keessa kan ishee galchee jiru ta’uu barattuun kun dubbatteetti. ”Sagantaa qo’annaa qophaa’een qormaatichaaf qophii gaarii taasisneerra; mana dubbisaattis haalaan fayyadamaa jirra” jetteetti. Qormaanni onlaayiniin waan ta’eef dandeettii kompitaraa cimsachuu irratti shaakala gahaa taasisaa jirras jetteetti. Akkasheen jettutti, mana barnootaa irraa yeroo deebitu boqonnaa erga fudhattee booda halkan bakka sagaleen ishee jeequ hin jirretti qo’achaa jirti.

Barataan mana barumsichaa biroo, Ahimad Hasan, manni barumsichaa kutaa yaalii, mana dubbisaafi galteewwan ‘ICT’ guuttachuun cinatti haala kenninsa barnootaa gaarii ta’e waan kennuuf carraa kanatti fayyadamuun qormaata kutaa 12ffaan qabxii gaarii fiduuf qophiirra jiraachuu dubbateera. ”Qormaanni kutaa 12ffaa qophii gahaa taasisuu barbaada; dursanii haalaan itti qophoofnaan waanuma baratame keessaa waan dhufuuf qabxii gaarii galmeessuun ni danda’ama” jedheera. Barsiisotaan deggarsi gaarii waan isaaniif taasifameen gamanumaan of qopheessaa jiraachuu himeera. Qorumsichi yuunivarsitiitti waan kennamuuf xiinsammuutiin akka gaariitti of qopheesseera. Yeroo gahaa argadhee qormaaticha fudhachuuf guyyaa eegaan jira jedheera.

Itti gaafatamaan Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa magaalaa Kamisee, Malkaamuu Maatabuu, qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kennamuun isaa rakkoolee kanaan dura turan xiqqeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himaniiru. Barattoota kutaa 12ffaa mana barumsichaa qorumsa biyyaalessaa fudhachuuf qophiitti jiraniif deggarsa barbaachisaa taasisaa turuu dubbataniiru. Barattoonni kunneen qabxii gaarii akka galmeessaniif  ji’a Onkoloolessaa irraa jalqabanii qabiyyeewwan barnootaa barsiisuun cinatti qormaatawwan baroota darbanii hojjechiisaa turuu himaniiru.

Xiinsammuufi dandeettii barattootaa gabbisuuf leenjiin sadarkaa adda addaatti barattootaaf kennamaa turuu kan himan itti gaafatamichi, qormaata moodelaa sadarkaa garagaraatti kennuun cinatti hojiin barattoota qopheessuu bal’inaan taasifamuu yaadachiisaniiru. Mana dubbisaa, kutaalee yaaliifi kompiitaraa banaa taasisuun barattoonni sirnaan akka itti dhimma bahan taasifamuu dubbataniiru. Baranoota idileetiin dabalata karaa al-idilee ta’eenis Sambataafi Dilbata haalota tokko tokko mijeessuun barsiisota mana barumsichaan barattoonni akka gargaaraman taasifamaa turuu kaasaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa qajeelcha barnootaa bulchiinsa Sablammii Oromoo, Alii Tafarraa, waggoottan darbanitti sirni qormaataa biyyattii rakkoolee garagaraaf saaxilamaa turuu yaadachiisaniiru. Rakkoon mudachaa ture hanga qormaata guutuu haqsiisuutti gahee turuu kaasaniiru.  ”Qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti kennamuun isaa hanna qormaataa hambisuun cinatti, qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota ofitti amanamummaa qabu horachuuf gahee olaanaa qaba” jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti sadarkaa bulchiinsichaatti, barattoota qaxalee bara kana qorumsa biyyaalessaa fudhatan aanolee hunda irraa wiirtuu tokkotti walitti fiduun bakka galteewwan barnootaa guutuun jirutti barsiisota filatamoon deggarsi taasifamaa ture olaanaadha. Barattoota giddu-galeeyyiifi suutee kutaa 12ffaa barataniif manneen barnootaa isaan itti baratanitti deggarsiifi hordoffiin qorumsichaaf isaan qopheessuu danda’u taasifamuu itti aanaan itti gaafatamaa kun ibsaniiru. Barattoonni qormaata fudhatan kunneen yeroo qormaataatti sodaafi dhiphuu hamaaf akka hin saaxilamneef xiinsammuu isaanii ijaaruun walqabatee ogeessota xiinsammuu yuunivarsiitii Wallootiin deggarsi taasifamaafii jiraachuu himaniiru.

Bulchiinsichaatti ogeessi qophiifi bulchiinsa qormaataa Taammiraat Bulchaa, bara kana sadarkaa bulchiinsichaatti barattoonni qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’an kuma tokkoof 782 ta’uu dubbataniiru. Kanneen keessaa barattoonni kuma tokkoof 217 barattoota saayinsii uumamaa yoo ta’an, barattoonni 565 ammoo barattoota saayinsii hawaasummaati jedhaniiru. Barattoonni kunneen bara barnootaa haarawaarraa bifa idileefi al-idilee ta’een deggaramaa turuu ogeessichi ibsaniiru. Haala idileetiin gosoota barnootaa saayinsii uumamaan walqabatanii jiraniin barattoota qormaatichaaf gahoomsuuf carraaqqiin taasifamuu himaniiru. Ogeessichi, gama al-idileetiin ijoolleen sadarkaa keessa jiran qabxii olaanaa akka galmeessaniif bakka tokkotti walitti fiduun gahoomsaa turre jedhaniiru. Bara kana cabiinsa barnootaa suphuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa waan tureef kan bara darbee caalaa barattoonni qabxii gaarii akka galmeessuu danda’aniif hojiin hojjetame agarsiistuu ta’uu kaasaniiru. Gamanumaan qormaanni biyyaalessaa seensa yuunivarsiitii bara 2017 Waxabajjii 23/2017 hanga Adoolessa 8/2017tti kan kennamu ta’uusaa yaadachiisaniiru.

Itti gaafatamaan qajeelcha barnootaa bulchiinsichaa Indiris Ahimad, bulchiinsichatti qormaanni naannoo kutaa 8ffaafi 6ffaa haala naamusasaa eegeen akka raawwatamuuf caasaaleen nageenyaa tumsa guddaa gochuu himaniiru. Sadarkaa bulchiinsichaatti komaandi poostiin qormaataa hundaa’ee jiraachuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Waxabajjii 23/2017 waan eegaluuf barattoonni sodaa nageenyaa tokko malee akka qoramaniif wiirtuu aanaarraa qaamolee callisaan dabaalamanii gara yuunivarsiitii qormaata itti fudhataniitti kan geeffamanidha. Qaamoleen callisaa kunneen barattoonni qorumsicha erga xumuraniin boodas gara wiirtuuwwan aanaa irraa dhufanitti kan deebisan ta’uusaanii hubachiisaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo