Ulaagaalee Galmee Bara Dorgommii Haaraa Kilaboonni Guutuu Qaban Ilaalchisee ibsa Kenname

 

Ulaagaalee galmee bara dorgommii haaraa kilaboonni guutuu qaban irratti xiyyeeffachuun ibsi Kennameera. Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ulaagaalee adda addaa guutamuu qaban ilaalchisuun qajeeltoowwan kubbaa miilaa idil-addunyaa garaagaraafi dhiibbaa ‘FIFA’ irraa dhufeen walsimsiisee ajaja dabarsaa jira. Federeeshinichi akka beeksisetti yoo ta’e moggaasni maqaa kilabootaa maqaa saba tokkoo wajjin kan walqabatu yoo ta’e jijjiiramuu akka qabuufi asxaa kilaboota irratti suuraalee ergama siyaasaa qabaniifi qabiyyeewwan sabaa ofirraa qaban fayyadamuun dhorkaadha.

Kana bu’uura taasifachuun sababa qajeeltichi baheefi seericha hojii irra oolchuuf kutannoo jiruun walqabatee hoji-raawwachiisaan olaanaa federeeshinichaa obbo Baahiruu Xilaahun deebii kennaniiru. ”Akka Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaatti seera haaraa baasne miti; seera keenya keessa akkasuma seera ittiin bulmaataa FIFA fi CAF keessa kan jirudha; Kubbaan miilaa sanyiifi siyaasa irraa bilisa ta’uu qaba” jedhaniiru. Dhimmichi FIFAn seera isaa keessatti kilaboonni maqaa akkasii qabatanii dhufan of sirreessuu akka qaban kan ibsuu ta’uu kaasaniiru. Kunis kilaboonni kana akka beekaniif kan beeksifame ta’udha obbo Baahiruun kan himan. ”Waqtiin kun yeroo galmee kilaboonni itti galmaa’an waan ta’eef dhimma kana akka sirreessaniif hojii hojjennedha kan jedhan Hoji-raawwachiisichi, Kanaaf kilaboonni of sirreessuu akka qaban hubachiisaniiru.

”Kilaboonni moggaasni isaanii sanyummaafi siyaasaan wal qabatu yoo jiraatan sirreessuun barbaachisaa ta’uu isaa kaasaniiru. Nuti kan ittiin hogganamnuufi bulchinu kubbaa miilaadha; kubbaa miilarra waan darbu miti garuu, hoggantoonniifi kilaboonni sanyummaafi siyaasa keessa dhokachuun kubbaa miilaa akka hin fakkaanne taasisani jiru jedhaniiru. Gareen tokko injifatamuun isaa yoo himamu kallattiidhaan eenyummaafi sabummaa faana wal qabsiifamee kan ka’aa ture ta’uu yaadataniiru. Kana soroorsuun barbaachisaa ta’uu isaati kan dubbatan. Kubbaan miilaa guddachuufi bulchiinsa fooyya’aa akka qabaatuuf yoo barbaadame seerotni ba’an sirnaan akka hojiirra oolan gochuun dirqama Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Obbo Baahiruun, “nutis akkaataa seera ittiin bulmaataa FIFA fi CAFi akkasuma seera ittiin bulmaata Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaatiin beeksisneerra” jedhaniiru. Kanaan dura kana hojiirra oolchuuf rakkachaa turuu kan himan hoji-raawwachiisichi, erga kilaaboonni galmaa’anii booda hojiirra oolchuuf carraaqamaa turuu dubbataniiru. Kilabni tokko ulaagaa taa’een battalumatti maqaa isaa jijjiiruu kan dubbatan obbo Baahiruun, kunis fedhii hoggansa kilabichaa malee kan kilabichaa akka hintaane hubachuu isaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Kanaafuu banaalee raawwachisummaa federeeshinichaan mudataniin walqabatee hojmaaticha hojiirra oolchuuf hoggansi akka wareegamu yookin dhiibamu qaamni taasisu jiraachuu akka hin qabne hubachiisaniiru. Federeeshiniin kubbaa miilaa seera bahe hojiirra oolchuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu himanii, hojiirra oolmaasaafis hordoffii gahaa taasisuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo