Abbaan Taayitaa Geejjibaafi Loojistiksii naannoo Amaaraa, magaalaa Baahir Daaritti giddu gala kenna tajaajila E-tikeettiingii ijaarsise daawwateera. Itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Geejjibaafi Loojistiksii naannoo Amaaraa Zawuduu Maalladee, naannoo Amaaraa keessatti buufataaleen konkolaataa tajaajila geejjibaa uummataaf kennan, kanaan dura uummaticha rakkisaa kan turaniifi mancaatii qabeenyaatiif saaxilaa turuu dubbataniiru. Rakkicha furuufi tajaajilicha si’eessuuf tajaajila sirna E-tikkeetiingii teknoloojiin deggerame hojiirra oolchuuf hojjechaa turuu yaadachiisaniiru. Kanaanis bara 2016 buufataalee konkolaataa 6 keessatti tajaajilichi jalqabamuu himaniiru.
Itti gaafatamichi, naannichatti yeroo ammaa kana buufataalee konkolaataa 32 keessatti tajaajilli E-tikeettiingii kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojmaanni kun, tikeettiin nagaheen akka kutamu, konkolaataan hanga seeraan isaaf eyyamame akka fe’uu qabuufi bakka gahumsasaa yeroosaa eegee akka gahuuf kan dandeessisu ta’uu himaniiru. Abbaan taayitichaa tajaajilli E-tikeetiingii hojii irra oole hawaasaaf tajaajila ammayyawaa kennuun cinatti carraa hojii uumuusaa dubbataniiru. Itti gaafatamichi, yeroo ittaanutti naannichatti buufataalee konkolaataa 252 keessatti siistamicha hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Daayrektarri oomishaalee teknoloojii Waaliyaafi pirojektii daandiiwwanii Faasil Makuriyaa sirni E-tikeetiingii hojjetamuun isaa imaltoonni bakka kamiyyuu ta’anii gara barbaadan deemuuf tikeetii kutachuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Siistamichi bakka imaltoonni deeman, gosa konkoolaataa ittiin deeman, hamma maallaqa kaffalamee akkasumas lakkoofsa teessoofi odeeffannoowwan biroo kan ofkeessatti qabate ta’uu isaa dubbataniiru. Hojjettuun buufata konkolaataa Baahir Daar, Roozaa Dastaa, siistamichi hojiirra ooluu isaan walqabatee carraa hojii ittiin argachuu himaniiru.