Magaalaa Hawwattummaa Ishee Guddisuuf Tattafataa Jirtu

Magaalota iddoo jiruufi jireenyaaf mijataa taasisuuf hojiilee yeroo ammaa xiyyeeffannoon itti kennamuun hojjetamaa jiran keessaa magariisummaafi misoomni koridarii magaalotaa isaan tokkodha. Hojiin magariisummaa magaalota keessatti hojjetamu hawwattummaa magaalaa kan dabalu ta’uun ifadha. Magaalaa Kamiseetti hojiin magariisummaa hojjetame gahaa ta’uu baatus akka jalqabbiitti guddina gara fuulduraa magaalattii kan akeekudha. Magaalaa qulqulluufi hawwattuu keessatti hojjetanii of jijjiiruufis ta’e keessa jiraachuu hundatuu barbaada.

Magaalaa qulqulluu qilleensa mijataa fayyummaa jiruufi jireenya dhala namaaf mijattuu taate qabaachuun kan danda’amu ammoo ulaagaaleen magaalaa tokkoof barbaachisan guutuuf carraaqqiin yoo taasifamedha. Kana hubannoo keessa galchuun magaalaa Kamisee hawwattuufi magariisa taasisuuf sochiileen taasifamaa jiran fuullee magaalatti jijjiiraa jiru. Xiyyeeffannoo magaalattii miidhagsuuf kennameen bakkeewwan duraan duwwaafi qulqullina hin qabne bakkeewwan aar-galfiifi bashannanaa ta’aa jiraachuu kanneen bakkicharraa fayyadamaa ta’an ni dubbatu.

Jiraataan magaalaa Kamisee obbo Mahaammadsaanii Ahmad, bulchiinsi magaalaa Kamisee magaalaa guddoo bulchiinsa sablammii Oromoo taatullee, guddinniifi sadarkaan irra jirtu kan wal gitu akka hinturre kaasaniiru. Haata’umalee, seenaa magaalattii duraan ture jijjiiruuf hojiin waggoota sadii asitti qulqullinaafi hawwattummaa magaalattii guddisuu giddu galeessa taasifatee hojjetamaa jiru kan baroota darbanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu jijjiirama guddaa argamsiisaa jiraachuu himaniiru. Bakkeewwan duraan ijaan ilaaluuf hin tolle xiyyeeffannoo argachuun magariisummaa uffatanii bakka aara galfiifi boqonnaa gaarii itti fudhatan ta’anii yeroon argu baay’een itti gammade jedhaniiru. Yeroo ammaa daandiiwwan keessoo keessoofi bakkeewwan magariisaa magaalattii keessatti hojjetaman hawwattummaa magaalattii dabaluu kaasaniiru.

Magaalaa qulqulluufi hawwattuu taate uumuu keessatti hirmaannaan jiraattotaa waan barbaachisuuf hojiilee magaalattii misoomsuuf hojjetamanitti dammaqinaan hirmaachuuf fedhii qabaachuu isaanii addeessaniiru. Obbo Mahaammadsaaniin, bu’uuraalee misoomaa magaalattii keessatti hojjetaman ollaa isaanii hirmaachisuun eegumsaafi kunuunsa barbaachisaa akka taasisan himaniiru. Magaalaan tokko miidhagduufi hawwattuu ta’uu kan dandeessu deggarsa mootummaan cinaatti hirmaannaan hawaasaa waan barbaachisuuf gahee isaan irraa eegamu kan bahatan ta’uu isaanii dubbataniiru. Dabaluun bu’uuraalee misoomaa magaalattii keessatti hojjetamanii jiran ollaa isaanii hirmaachisuun eegumsaafi kunuunsa barbaachisu kan taasisaniif ta’uu eeraniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee obbo Ismaa’il Naasir hawwattummaafi qulqullina magaalaa Kamisee dabaluuf carraaqqiin guddaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis hawwattummaa ishee guddisuun fuulduraaf magaalattii dorgomtuu kan taasisuu danda’udha jedhaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa garaagaraa hojjetamanis fuullee magaalattii hanga tokko jijjiiruu danda’uus himaniiru. Akka isaan jedhanitti, isaan keessaa misoomni magariisummaafi koriidarii hojiilee ijoodha.

Daandiiwwan keessoo keessoo dabalatee waliigalaan bu’uraalee misoomaa dameewwan garagaraatiin jiran birrii miliyoona 174 olitti tilmaamamuun hojjetamuu eeraniiru. Haaluma kanaan magaalaa mijattuuf hawwattuu taate taasisuuf misooma koriidarii marsaa jalqabaan daandii kilomeetira 1 tuqaa 1 daandiin lafoo bitaaf mirgaan jiru dhagaa bareedinaan haguugamuu himaniiru. Obbo Ismaa’il, koriidarichi daandii biskilitaafi lafoo, ibsaa ofkeessaa kan qabu ta’uusaa dubbataniiru. ”Magaalaa jiraattota isheef mijattuu taate taasisuuf jalqabbiin misooma koriidarii hojii misooma magariisummaaf gumaachaa guddaa tasiseera” jedhaniiru.

Hojiin misooma koriidarii bakkeewwan magariisaafi daandii lafoo ofkeessaa qabaachuu eeraniiru. Daandii bitaa mirgaa magaalaa biqiltuu dhaabuun magaalaa magariituu taate ijaaruuf hojjechaa jiraachuu gamanumaan ibsaniiru. Bakkeewwan babal’oon bakka magariisaa akka ta’an, bakka hawaasni bal’aan bahee itti aara galfatu akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Miidhagina magaalattii daran dabaluuf dirree ispoortii dheerina meetira 48 fi roga cinaatiin meetira 28 bal’atu irratti dirreen ispoortii guyyaas ta’e galgala tajaajiluu danda’u ijaaramaa akka jiru himaniiru.

Akka isaan jedhanitti, hojii misooma koriidariifi dirree ispoortii kanatti birriin miliyoona 25 baasii ta’eera. ”Fooramii magaalota Itoophiyaa qophaa’e ture irratti magaalaan keenya gitoota ishee waliin dorgommii taasisteen sadarkaa 1ffaa bahuu dandeesseetti” kan jedhan itti gaafatamichi, injifannoon kunis magaalattii kana caalaa hawwattuu taasisuun gara fuulduratti fooramii magaalotaa sadarkaa biyyaatti geggeeffamuuf jirurratti maqaa magaalattii akkuma yeroo darbee adda durummaan waamsisuuf ciminaan hojjechaa kan jiran ta’uu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, injifannoon argame egeree fuullee magaalaa Kamisee jijjiiruuf akka galtee guddaatti kan tajaajiludha. Kana dhugoomsuuf waajjirri bu’uuraalee misoomaa magaalattii seektaroota biroo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo