Tola Ooltummaan Miidhamtootaaf Dursi Kennamuu Qaba

Hojiin tola ooltummaa,  waliin jireenyaafi tokkummaan biyyaa akka cimu, hariiroon hawaasummaa akka jabaatu, nageenyaafi waliigalteen biyyaa akka uumamu, kaayyoon misoomaas  galma akka gahu, faayidaa qabu irratti hundaa’e aadaa akka ta’uufi tola ooltootni jaalala biyyaafi uummata isaaniif qaban gochaan akka ibsaniif kan bocame sagantaa biyyaalessaa akka ta’e ni himama.

Kutaaleen hawaasaa hundi  hojii tola ooltummaarratti hirmaatanis, lakkoofsi dargaggoota tajaajila tola kennan garuu olaanaadha. Akka biyyaatti  dargaggootni hedduun  hojii tola ooltummaa garaagaraa irratti hirmaachuun dirqama lammummaa isaanii bahacha turaniiru, bahachaa jirus. Hojiin tola ooltummaa, gocha qulqulluu dhiibbaa qaama kamiyyuun alatti kan raawwatamudha. Akka biyya keenyaatti qaamoleen rakkataniifi deggarsa barbaadan miiliyonaan lakkaawwaman ni jiru. Ta’us gochi qulqulluun kun of eeggannoo olaanaatiin adeemsifamuu qaba. Biyya rakkattoonni itti baayyataniitti, isaan kana haala haqa qabeessa ta’en calaluufi gargaaruun itti gaafatamummaa guddaadha.

Hojiin tola ooltummaa, lammiileen saalaan, amantiin, sabaafi kanneen birootiin osoo gargar hin qoodamiin gocha raawwatamudha. Kana ta’uu isaatiin namni tokko rakkattaa ta’ee enyummaa isaatiin adda qoodamuu hin qabu. Gama birootiin Hojiin tola ooltummaa, hojii yeroo gannaa qofaatti gaggeeffamu ta’uun irra hin jiraatu. Hanga rakkattoonni yeroo hunda jiranitti gargaarsi kun dhuunfaanis ta’e gareen yeroo hunda aadeeffamuun itti fufuu qaba kan jedhus ibsa ejjannoo keenya har’aati.

Oduu

AMECO Hirkoo