Fayyadamummaa Dubartootaafi Daa’immanii Mirkaneessuuf  Qindoominni Dhaabbilee Murteessaadha

Sanada waliigaltee fayyadamummaa dubartootaafi daa’immanii gama hundaan mirkaneessuun miidhaalee dhaqqabuu malan ittisuu dandeessisu irratti mariin geggeeffameera. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Haqaa naannoo Amaaraa, Ayyaalewu Abaate (Dr) dubartootaafi daa’imman irratti akka biyyaafi sadarkaa naannootti yaakkoonni baay’een ni raawwatamu jedhaniiru. Yakkoota kanneen ittisuuf hojiin qindoomina dhaabbilee murteessaa ta’uu kaasanii, mariin kunis hojii karoora tarsiimowaa hojjetaman irratti gadi fageenyaan mari’achuun hojmaata qindoominaa cimsuuf akka ta’e eeraniiru.

Waltajjichi, qabiinsa ragaa ammayyeessuun cinatti miidhaa dubartoota irra gahu ittisuu irratti xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamuuf kan gargaaru ta’uu itti aanaan biirichaa dubbataniiru. Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuun hojii dhaabbata tokkoo qofaa miti kan jedhan Dooktar Ayyaalewu, hojii dhaabbilee deebi-kennitootaa damee hundaa jabeessuu irratti yaadamu qabas jedhaniiru.

Gama miidhaa dubartootaafi daa’imman irra gahu ittisuutiin walqabatee sadarkaa biiroo haqaatti poolisiifi dhaabbilee biroo waliin hojmaata waloo kan jabeessuu danda’uu sanada waliigaltee mallatteessuu kaasaniiru. Gama hojiiwwan hammachiisummaa dhaabbilee adda baasuun yeroo ittaanutti banaalee jiran irratti hojii fooyya’aa hojjechuuf qophaa’uun barbaachisaadha jedhaniiru. Dhaabbileen godinaalee naannichaa hunduu hojiiwwan miidhaa dubartootaafi daa’imman irra gahu ittisuuf hojjetamaniif xiyyeeffannoo addaa kennaan hojjechuu akka qabanis hirmaattonni waltajjichaa ibsaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo