Yaa’ii abbootiin seeraa mana murtii naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti adeemsifameera. Yaadooleen yaa’icharratti ka’aaniifi mata dureen marii ittiin gaggeeffamaa ture, beekuumsaafi dandeettii abbootii seeraa kan guddisan, hojii fooyya’aaf kan kakaasaniifi manneen murtii tajaajila qubsaa ta’e uummataaf akka kennan kan dandeessisan ta’uu isaanii hirmaattootni yaa’ichaa kaasaniiru.
Pireezidaantiin mana murtii olaanaa bulchinsaa sablammii Oromoo obbo Alii Mohaammad, yaa’iin adeemsifame hojii waloofi jijjiirama waloof kan kakaasuu ta’u dubbataniiru. Caalaatti wal deeggaranii hojjechuuf, waloon hojjechuufi abbootii seeraa galma waloo qaban uumuuf waltajjii murteessaa ta’u eeraniiru. Manni murtii kennaa tajaajila kan kennudha, amanamummaafi tajaajila qubsaa ta’e kennuun immoo kaayyoo isaa isa olaanaa ta’u himaniiru. ‘’Mannii murtii waliigalaa naannoo Amaaraa hojmaataa dijitaalawaa ta’e diriirsee jira’’ kan jedhan obbo Aliin, sadarkaa godinaaleettis hojmaata ammayyaawaa ta’e diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Pireezidaantiin mana murtii godina Walloo Kibbaa Tigisti Daanyaachaw, yaa’ichi abbootii seeraafi mudamtootni yaa’ichaa kan si’oominaan eegaa turaniifi banaawwan manneen murtii kan guutuu ta’u himaniiru. Sadarkaa abbootiin seeraa irra jiran kan agarsiisu, rakkoolee adeemsa hojmaataa keessatti mudatan hiikuuf, waloon hojjechuufi mana murtii galma isaa milkeessuu danda’u ijaaruuf kan fayyadu ta’us ibsaniiru. Abbootiin seeraa beekumsa mana barumsarraa fudhatanii bahaniin alatti seeroota haaraa bahan beekuufi hiikuuf qophaa’aa ta’u qabus jedhaniiru. Yaa’ichi qajeelfamaawwaniifi dambiiwwan haaraa sirnaan hubachuufi gara hojiitti jijjiruuf kan dandeessisuu ta’us himaniiru.
Pireezidaantiin mana murtii godina gidduugalaa Gondar obbo Charinnat Taganyee gamasaaniin, yaa’iin adeemsifame seeroota, imaammataafi yaadolee jiran sadarkaa naannoofi federaalaatti hubachuun tajaajila fooyyaa’a manneen murtii akka kennan kan taasisu ta’u himaniiru. Naannoon Amaaraa sadarkaa biyyaatti mana murtii fakkeenya ta’u danda’u ijaaruuf tattaaffi taasisaa jiruuf yaa’iin taasifame gahee olaanaa qabaachuu hubachisaniiru.