Waancaan Addunyaa 2026 Yunaayitid Isteeis, Kanaadaa fi Meksiikooti waliin ta’uun qopheessu. Dorgommiin kun biyyoota gara garaa sadiin yeroo qophaa’u kun isa jalqabaati. Taphni baniinsaa Waxabajji 11 bara 2026 Magaalaa Meksiikootti kan jalqabamu yoo ta’u, cufiinsi isaa ammoo Niiwu Jersii keessatti Adoolessa 19 bara 2026 taasifama. Dorgommiin kun yeroo jalqabaatiif biyyoota 48 kan hirmaachisu yoo ta’u, sababa kanaan ammoo guyyoota 39 tura. Baay’inni biyyoota hirmaatanii kan yeroo dhumaaf Yunaayitid Isteetis keessatti qophaa’ee ture dachaa yoo ta’u, bara 1994 biyyoota 24 turan Wancaa Addunyaarratti kan hirmaatanidha. Tapha Waancaa Addunyaa ganna gaggeeffamu kanaan magaalonni 16 kan keessummeessan yoo ta’u, isaan keessaa 11 Yunaayitid Isteetis, sadii Meksiikoo, lama ammoo Kanaadaa keessattidha. Isaan kunneen magaalota Waancaa Addunyaa 2026 qopheessanidha. Tibbana biyyoonni Afrikaa, Awurooppaafi Eeshiyaa tapha isaanii geggeessaniiru.
Dorgommii kanarratti biyyoonni 48 kan hirmaatan yoo ta’u hanga gabaasni kun qindaa’etti biyyoonni 28 darbuu isaanii mirkaneeffataniiru. Keessummeessitoonni dorgommichaa Kanaadaa, Meeksikoofi Yuunaayitid Isteetis darbuu isaanii arman dura biyyoota mirkaneeffatanidha. Ingiliziin Awurooppaa dursuun tikeeta waancaa addunyaa qabachuu dandeesseetti. Biyyoota Afrikaa irraa ammoo biyya yeroo jalqabaaf waancaa addunyaaf darbite Keeppi Verdee dabalatee Aljeeriyaa, Masirii, Gaanaa, Kootidiivaar, Morookoo, Seenegaal, Afrikaa Kibbaafi Tuuniziyaa biyyoota darbuu isaanii mirkaneeffatanidha.
Haaluma kanaan biyyoo Eeshiyaa irraa ammoo biyya yeroo jalqabaaf darbite Joordaaniifi Uzbeekistaan dabalatee Awustaraaliyaa, Iraan, Jaappaan, Kuwaataar, Sawud Arabiyaa, Kooriyaan Kibbaa gamanumaan darbuu isaanii mirkaneeffataniiru. Biyyoonni ardii Amerikaa Kibbaa morkii cimaa agarsiisan Arjantiinaa, Biraazil, Kolombiyaa, Ikuwaadoor, Paaraaguwaayfi Uraagaayi darbuu isaanii kanneen hubatanidha. Keeppi verdee, Joordaaniifi Uzubeekistaan seenaa keessatti biyyoota yeroo jalqabaatiif waancaa addunyaaf darbanidha. Gara fuulduraatti, biyyoonni dabalataa biroon dorgommii gulaallii isaanii xumuruun tikeeta isaanii ni argatu jedhamee eegama


