AMECO’n Dhaqqabummaa Isaa Bal’isuuf Hojjechaa Jira

AMECO Hibir raawwii hojii waggoottan 20 darbaniifi  hojiiwwan fuula duratti raawwataman ilaalchisee  waltajjii marii gahe qabeessoota waliin magaalaa Addis Ababaatti adeemsiseera. Hirmaattootni waltajjicharratti argaman Amaaraa Miidiyaa Korporeeshiin (AMECO)’n qabeenyawwan kufama, aadaawwaniifi duudhaalee bulchiinsa sablammoota sadan keessatti beeksisuu keessatti hojiileen waggoottan 20 darban hojjette kan dinqisifamu ta’u kaasaniiru.

Hariiroo uummataa cimsuu keessattis AMECO’n hojiilee gurguddoo hojjechaa jiraachuu himaniiru. Bulchiinsoota sadan keessatti AMECO’n hanqina madda odeeffannoo hiikuuf sadarkaa gadiirraa kaasee osoo hojjette, qaamolee deeggartoota waliin walitti dhiyaate osoo hojjeteefi bulchiinsa sablammoota sadan keessatti buufataalee dabalataa osoo ijaare yaadoleen jedhan waltajjicharratti ka’aniiru.

Waltajjichi galtee guddaan kan itti argame ta’u kan kaasan gorsaan hojii raawwachisaa olaanaa AMECO,  obbo Gizaachaw Mulunah, AMECO’n dhaabbata uummatni naannoo Amaaraa akka qaroo ija isaatti ilaaluu qabudha jedhaniiru.

AMECO’n waliin gahuumsa isaa bal’isuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru. Dhimmootni waltajjicharratti ka’an  hojiilee itti aanuuf galchoo ta’u kan himan immoo itti aanaan hojii raawwachisaa AMECO Saxxanyi Abbuhaayidha.  Obbo Saxxanyi AMECO’n  mallattoo uummata naannoo Amaaraadha jechuun himaniiru. Amaaraa miidiyaa korporeeshiniin afaanoota naannicha keessaa dabalatee, afaanoota naannichaan alaa jiraniin  odeeffannoo dhaqqabsiisuun miidiyaa biyyaalessaa ta’u isaa kan mirkaneessedha jechuun obbo Saxxanyi himaniiru. Yeroo itti aanuttis jijjiiramoota waggoottan 20’n darban mul’atan itti fufsisuufi kana caalaa hojjechuuf waloon dhaabbachuun akka barbaachisu waltajjicharratti ka’eera. Manneen maree bulchinsa sablammootaa sadaniifi qajeelcha kominiikeeshiinii waggoottan darbaniif dhaabbaticha waliin hojjetaniif waraqaan ragaa hojii raawwachisaa olaanaa AMECO Muluuqan Saxxiyyeerraa fudhataniiru.

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo