Manni Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa Hogganaa Finciltoota Yugaandaa Jooseef Koonii Irratti Himata Bane

Manni Murtii yakkaa idil-addunyaa himannaa yakka waraanaa hogganaa finciltoota Yugaandaa Jooseef Koonii irratti bane gama Yugaandaatiin fudhatamummaa argateera. Yugaandonni himata hogganaa (LRA) Jooseef Koonii Iratti Baname gammachuun Simataniiru. Yuugaandaatti finciltoota Loordis Rezistaansi Armiiniin (LRA) gocha shororkeessummaa raawwatame irraa namoonni hafan tarkaanfii Manni Murtii Yakkamtootaa Idil-addunyaa (ICC) hogganaa garichaa Jooseef Koonii irratti banuun mirkaneessuuf fudhate gammachuun akka simatan himaniiru.

Hogganaa garichaatti bara 2005 ajajni hidhaa itti bahee ture. Ta’us ammallee bilisa ta’ee jira. Rippaabiliika Giddugalessa Afrikaa (CAR) keessa dhokatee jira jedhamee amanama. Manni Murtichaa yakka ajjeechaa, dirqisiisanii gudeeduu, loltoota daa’immanii fayyadamuu, garbummaa saalaafi ulfa dirqii dabalatee yakka waraanaafi yakkoota dhala namaa irratti raawwatame 39 ‘niin himanni irratti banamaa jiraachuu ibseera. Dubartiin ijoollummaa isheen garee shororkeessaa kanaan butamuun haadha manoota Koonii keessaa tokko ta’uuf dirqamte tokko carraaqqii yakkamicha to’achuuf taasifamaa jirutti gammachuu qabaachuu ishee ibsiteetti.

“Akka dubartoota biroo mana barnootaa deemanii gammachuu qabaachuu hin danda’u. Akkuma dubartoota akka koo butamanii haqni na barbaachisa” jechuun dubartiin waggaa 42 Eveliin Amoon himteetti. Umurii ijoollummaa waggaa 15’tti mana isheetii butamuun booda garee (LRA) waliin waggoota 11 bosona keessatti dabarsuu ishee himteetti. Finciltoonni ‘Beetii Akooli’ jedhanii waan ishee waamaniif maqaa maatiin duraan isheef moggaasellee akka dagatte dubbatteetti.

Eveliin akkuma miidhamtoota akkashee mana murtii irraa beenyaa akka barbaadan himaniiru. Gareen LRA xumura 1980moota keessa Kaaba Yugaandaatti Kooniin kan hundeeffame yoo ta’u, kaayyoon isaa kutaa macaafa qulqulluu bu’uureffachuun mootummaa abboommii kurnaan irratti hundaa’e hundeessuu akka ta’e dubbateera. Gareen namoota butuun beekamu kun xumura bara 2025 biyyaa akka bahu taasifameera. Gara biyya ollaa Rippaablika Demokiraatawaa Koongoo, Sudaan Kibbaafi Giddu galeessa Afrikaa(CAR) keessa naanna’uun karaa seeraa alaan hojii albuuda baasuu irratti hirmaachaa turuu himama.

Miidhaa garee (LRA) beeksisuuf duulli miidiyaa hawaasaa irratti taasifame Kooniif beekamtii guddaa dabaleera. Tattaaffiin duula adamsuu Kooniin to’achuuf taasifame barootaaf geggeeffamaa turuyyu, ammayyu to’atamuu hindandeenye. Humnoonni waraanaa Ameerikaafi Yugaandaa bara 2017 isa hordofuuf sochii taasisan ifatti dhaabaniiru. Haati isaa butamtee miidhaa saalaaf erga saaxilamtee booda booji’amtoota LRA keessatti kan dhalate dargaggeessi waggaa 28 Paatirik Oochingi, himanni yakkamicha qabuuf mirkanaa’e Koon to’atamuu akka danda’u abdii qabaachuu ibseera. ”Dura hidhamuu qaba, qaamoleen miidhaman obsanii eeguu hin danda’an, miidhamtoonni tokko tokko lubbuun darbaa jiru” jechuun BBC’tti himeera.

Innis daa’imman kumaatamoota waraana akka ta’aniif dirqisiifaman keessaa isa tokkodha. Haati isaa yeroo inni daa’imma waggaa 5 ture finciltoota garichaan ajjeefamte. ‘’Aniifi obboleettiin lakkuu koo garicha jalaa miliquuf yaallee turre, ta’us yaaltee yoo argamteefi qabamte si dhabamsiisuu-si ajjeessu’’ jechuun dubbateera.  Kaaba Yugaandaatti waggota 10 ‘f yeroo gochi shorkeessummaa LRA’n raawwatametti namoonni kuma 100 ol ajjeeffamaniiru. Daa’imman kuma 60 hanga kuma 100 ukkaafamanii garichaan fudhatamaniiru. Lammiileen miiliyoona 2.5 qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Namoonni baay’een ammoo eegumsa fooyyee qabu argachuuf kaampiwwan baqqattoota garaagaraa irraa naanna’aniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo