Waajjirri Geejjibaa Magaalaa Baatee Sirna Tajaajila Tikeetii Elektirooniksii Buufata Konkolaataa  Jalqabsise

Sirni tajaajila tikeetii elektirooniksii hojmaata kan ammayyeessudha.  Waajjirri Geejjibaa bulchiinsa magaalaa Baateetis kana hubachuun tajaajila geejjibaa ammayyessuuf hojjechaa jira. Bulchiinsa sablammii Oromoo magaalaa Baateetti sagantaan eebba tajaajila tikeetii elektiroonsii buufata konkolaataa   gaggeeffameera.  Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Baatee Obbo Mahammad Indiriis, tajaajilli tikeettii elektirooniksii faayidaa hedduu  kanneen akka gatii caalmaa kaffaluu, kaffaltii dabalataa kaffaluu, karaa ramadameen ala kaffaltii kaffaluufi rakkoolee kenniinsa tajaajilaa geejjibaa birootis kan hanbisu  ta’u dubbataniiru.

Tajaajila konkolaataa saffisaa, mijataafi bu’a qabeessa akka ta’uuf sirna  tikeettii elektirooniksii hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu kan himan itti gaafatamaan Tajaajila Tikeetti Obbo Kaalid Ahmad, teeknooloojiin kun kutaalee dijitaalaa Itoophiyaa keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Bakka bu’aan Waajjira Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Baatee Obbo Abduu Umar akka jedhanitti, tikeettiin elektirooniksii kun rakkoo kenniinsa tajaajila konkolaataa keessattuu sarara raabsaa gatiin ala ta’e ni fura. Sagantaa eebbaa tajaajila tikeetii elektirooniksii kanarratti kana irratti hogganaan garee raawwii kenniinsa Tajaajila Geejjibaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Obbo Mohaammad Saayid, Kantiibaan bakka bu’aa Bulchiinsa Magaalaa Baatee Obbo Mahaammad Indiriis, itti gaafatamaan Hojii gaggeessaa tajaajila tikeetii obbo Kaalid Ahmad , bakka bu’aan waajjira Geejjibaa  bulchiinsa magaalaa Baatee Obbo Abduu Umar, hoggantoonni bulchinsichaafi keessummoonni biroo hirmaataniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo