Fooramiin magaalotaa waltajjii bakka butoonni bulchiinsa magaalotaa, ogeessotniifi qaamoleen dhimmi ilaallatu walitti dhufanii dhimma misooma magaalaa, bulchiinsa gaariifi rakkoolee magaalota mudatan irratti mari’atuun carraa muuxannoo walirraa qooddatanidha. Kaayyoon isaatis muuxannoo waliiif qooduu, Magaalota jidduutti miira dorgomtummaa uumuu, hojii gaarii hojjetame irraa waliirraa barachuufi beekamtii kennuuf, guddina dinagdeefi misooma babal’isuu, misooma magaalaa itti fufiinsa qabu dhugoomsuuf, bulchiinsa lafaa ammayyeessuu, carraa hojii uumuu, Magaalaa jireenyaaf mijooftuu ijaaruudhaafi kallattii kaa’uu irratti kan xiyyeeffatudha.
Fooramiin magaalotaa waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo ta’u bara kana waggaa 10ffaaf Naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti kabajameera. Fooramichis mata duree “Guddinni Magaalotaa Olaantummaa Itoophiyaaf” jedhuun guyyoota shaniif gaggeeffamaa tureera. Fooramii magaalotaa kanarratti bakka bu’oota magaalota 150 ol ta’aniifi dhaabbilee dhuunfaa adda addaa 10 irraa hirmaataniiru. Magaalota bakka bu’uun agarsiifni garagaraas gaggeeffameera. Isaanis sirna aadaa nyaataafi dhugaatii, aadaa uffannaa, aadaa shubbisaa, hojiiwwan kalaqaa naannoo isaanitti argamu akkasumas haala jiruufi jireenya hawaasa naannoo isaanii agarsiisaa turaniiru. Haaluma kanaan fooramicharratti magaalonni kennaa obbolummaa magaaloota cimsuufi hariiroo cimaa uumuu danda’us waliif kennaniiru.
Ministirri Magaalaafi Bu’uuraalee misoomaa aadde Caaltuu Saanii, fooramicharratti argamuun haasaa taasisanin “Agarsiifni Fooramii Magaalotaa 10ffaan mootummaa ida’amuu keessatti gaggeeffame magaalonni madda beekumsa teeknooloojii ta’uu qabatamaan kan agarsiisedha. Yeroon nuti keessa jirru dacheen keenya bifa ajaa’iba ta’een jijjiiraramaaf yeroo fiigaa jirtu kanatti fooramiin magaalotaa giddu gala sabootaafi gahumsa badhaadhinaa ta’uu isaa kan agarsiisudha’’ jedhaniiru. Pirezidaantii Naannoo Affaa obbo Awwal Arbaa akka jedhanitti hirmaattota fooramii magaalotaa 10ffaa irratti argamaniif haalliifi fageenyi osoo hin daangessin magaalota jirtan irraa dhuftanii jaalalaafi obbolummaa nutti agarsiiftaniif galatoomaa jedhaniiru.
Xumura fooramii kanarratti hojiiwwan hojjetamaniin magaaloonni 1ffaa-3ffaa bahaan badhaasa waancaafi kanneen biroo fudhataniiru. Gareewwan magaalootaa qoodaman keessaa garee tokkoffaan, Magaalaan Adaamaa tokkoffaa, Magaalaan Bishooftuu lammaffaa fi Magaalan Hawaasaa sadaffaa bahuun xumuraniiru. Garee lammaffaarraa immoo magaalaan Jimmaa 1ffaa kan bahe yoo ta’uu, garee sadaffaarraa immoo Magaalaan Buttaajiraa 1ffaa bahuu danda’eera.
Magaalaan Shaggar badhaafamaa addaa ta’ee waancaa fudhateera. Qopheessaan fooramichaa magaalaan Samaraa loogiyaaas loogoo qopheessummaa fudhatee jira.Fooramii magaaloota Itoophiyaa 9ffaan bara darbe magaalaa Arbamiincitti kabajamuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u bara dhuftu fooramiin magaalotaa marsaan 11ffaan magaalaan Asoosaatti kan kabajamu ta’uu isaa ibsameera.


