Tajaajila Fayyaa Du’a Haadholiifi Daa’immanii Hir’ise

Baroota baay’eef fayyaa haadholiifi daa’immanii irratti xiyyeeffannoon hojjechuu dhabuun miidhaan isaaniirra gahaa turuu ragaawwan ni agarsiisu. Haa ta’u malee, baroota dhihoo asitti hojii kenniinsa tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii fooyyessuu irratti hojjetameen rakkichi hir’achaa jiraachuu isaatiif agarsiistuun tokko tokko ni jiru. Waajjirri Fayyaa aanaa Dawaa Caffaa tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immaniin walqabatee hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira.

Aanaa Dawaa Caffaatti jiraattuu ganda Garbii kan taate aadde Hawwaa Hasan, yeroo jalqabaaf ulfooftee deggarsa ogeessa fayyaan Buufata Fayyaa Waladdiitti tibba darbe daa’ima argachuu dubbataniiru. Yeroo ulfa turanitti tajaajila hordoffii da’umsa duraa haalaan argachaa turuu himuun, kana boodattis fayyummaa dhuunfaafi daa’ima isaanii eeguuf hordoffii fayyaa da’umsa boodaa taasisuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Aadde Faaxumaa Mahaammad haadha Hawwaa yoo taatu, tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii kan yeroo ammaafi durii walbira qabanii yoo ibsan, kan ammaa qulqulluufi si’ataa ta’uu addeessaniiru. Intala isaanii ciniinsuun qabnaan yeroo buufata fayyaa waliin deemanitti akkaataa ogeessonni fayyaa tajaajila itti kennanitti baay’ee kan gammadan ta’uu ija isaaniin arganii waan mirkaneeffatan irraa nuuf qoodaniiru.

Itti aanaan Itti gaafatamaa Waajjira Fayyaa aanaa Dawaa Caffaa Mahaammad Yimaam, fayyaa haadholiifi daa’immanii mirkaneessuuf tajaajilli walitti hidhamiinsa qabu walta’iinsa buufataaleefi qarmammeewwan fayyaa aanichaan kennamaa jiraachuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, qarmammeewwan fayyaa 27fi buufataaleen lama aanicha keessatti argamu. Aanicha keessa kan jiran daa’imman waggaa tokko gadii kuma shaniifi 700 ol ta’uu kaasanii, kan waggaa shanii gadii kuma 22fi 800 ol jiraachuu isaanii eeraniiru. Akkasumas dubartoonni waggaa 15 hanga 49 gidduu jiran kuma 34 ol aanaa isaanii keessa akka jiran dubbataniiru. Obbo Mahaammad. ‘’Bara kan dubartoota ulfaa kuma shaniifi 700 oliif tajaajila ni kennina jennee karoorfanneerra’’  jedhaniiru.

Bara kana tajaajila karoora maatii kuma saddeetiifi 700 kennuuf karoorfamee, raawwii kurmaana tokkoffaan tajaajilli karoora maatii kenname kuma torbaafi 200 ta’uu isaa eeraniiru. Tajaajilli da’umsa duraa kurmaana 1ffaan haadholii kuma tokkoofi 61’f kan kenname yoo  yoo ta’u, da’umsa boodan ammo haadholii kuma tokkoofi 78 tajaajila argachuu danda’uu dubbataniiru.  Bara 2017’tti guutummaatti haadholiin buufata fayyaatti deggarsa ogeessa fayyaan da’an dhibbentaa 44 ta’uu kaasanii, bara kana kurmaana 1ffaa qofatti dhibbentaan 48 tajaajila argachuu hubachiisaniiru. Akka isaan jedhanitti, daa’imman kuma tokkoofi 500 talaallii marsaa sadaffaa argataniiru.

Talaalliin Gifiraa marsaa tokkoffaa daa’imman kuma tokkoofi 400f kennamuu ibsanii, tajaajila talaallii guutuu kan argatan daa’imman kuma tokkoofi 300 ta’uu addeessaniiru. Ittaanaa ittigaafatamaan kun akka jedhaniitti talaallii farra baakteeriyaa daa’imman kuma lamaafi 183f kennameera. Obbo Mahaammad kenniinsi tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immanii kan bara darbee irra baay’ee fooyya’aa ta’uu isaa raawwiin kurmaana tokkoffaa bara kana ni agarsiisa jedhaniiru.  Sagantaa konfiraansii haadholii irratti hubannoo irra deddeebiin kennameen lakkoofsi haadholii buufata fayyaatti da’anii dabalaa jiraachuu mirkaneessaniiru.  Fayyaan haadholiifi daa’immanii maatii bira darbee guddina hawaas-diinagdee biyyaaf murteessaa waan ta’eef sababa da’umsaafi dhibeewwan biroon haadholiin lubbuu akka hin dhabneef hunduu qooda irraa eegamu bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo