Itti aanaan muummee ministiraa obbo Tamasgeen Xurunah, Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti garee biyyoolessaa Itoophiyaa umurii 17 gadii jajjabeessaniiru. Obbo Tamasgan haasa’a taasisaniin Itoophiyaan waancaa Afrikaa bara 2029 keessummeessuuf gaaffii dhiheessitee kan turte yoo ta’u gaaffiin ishee fudhatama akka argatu amantaa qaban ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti garee biyyoleessaa moo’ataa ijaarudhaaf guddattoota kana hundeessuu isaanii dubbataniiru. Gahumsa gareen kun dorgommii kanarratti agarsiiseef itti quufinsa qabachuus ibsaniiru.

Muummichi ministiraa  Abiy Ahmad (Dr) Waancaan Biyyoota Afrikaa keessummeessuuf gaaffii ofiisaa hordofuun mootummaa naannoolee hundatti istaadiyeemii xixiqqaa hanga guddaa ijaaramaa jira jedhaniiru. Kabajamoo obbo Tamasgeen Xurunah gama isaaniitiin  gareen injifataan uummata Itoophiyaaf ijaaramuu akka qabu ergaa dabarsaniiru. Uummata Itoophiyaa, Ministeera Aadaa fi Ispoortii, leenjistoota fi hoggantoota federeeshinichaa garee kana milkeessuuf deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa, kabajamoo itti aanaa Muummee Ministiraa qaamaan argamuu fi dargaggoota keenya jajjabeessuun garee kanaaf kaka’umsa guddaa waan ta’eef galata guddaa qaban ibsuun, mootummaan kubbaa miilaa deeggaruuf dhihoo ta’uu isaatiif galata guddaa qaban ibsaniiru. Saganticha irratti ministirri Aadaa fi Ispoortii Kabajamoo Shaawit Shaankaa fi Ministira Aadaa fi Ispoortiitti deetaa ministira damee misooma ispoortii kabajamoo Mohaammad Makiyyuu saganticha irratti argamaniiru.  Itti aanaan muummicha ministiraa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa, Kabajamoo Tamasgeen Xurunah qaamaan argamuun garee kana jajjabeessuu isaaniif galata guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo