Komiishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Amaaraa waltajjii golabaa guyyaa farra malaammaltummaa idil-addunyaa 22ffaa mata duree “Dhaloota Naamusaan, Dhaabbata Hojmaataan” jedhuun kabajaa ture xumureera.
Waltajjicharratti Komishinara Komiishinii Siivil Sarviisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Naannichaa, Baanchaamlaak Gabramaariyaam dabalatee hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru. Hojjettoota Tajaajila Wiirtuu Iddoo Tokkoo Masoob waliin mariin waa’ee naamusaan dhalootaa bocuu, gahumsa, iftoominaafi itti gaafatamummaa akkasumas kenniinsa tajaajilaa si’ataa irratti mariin gaggeeffameera.
Qindeessaan Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo/Masoob Naannoo Amaaraa Temaar Abbee dhaloonni naamusaan bocamuu yoo baatan kenna tajaajilaa milkeessuun kan hin danda’amne ta’uu himaniiru. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuuf hundeeffamuu kaasaniiru. Dhaabbilee Naannoo 14 fi Dhaabbilee Federaalaa 54 keessatti tajaajilichi kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo Masoobitti tajaajila tola ooltummaa kan kennitu Shamarree Roozaa Geetaachaw, gamasheetiin Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo hojmaata badaa furuuf hundeeffamuu isaa kaastee, madaallii itti quufinsa tajaajilamtootaa irratti kan hojjettu ta’uu dubbatteetti.
Komiishinarri Komiishinii Naamusaafi Farraa Malaammaltummaa Naannoo Amaaraa Habtaamuu Mogas, guyyaan farraa malaammaltummaa Itoophiyaatti marsaa 21ffaaf yoo kabajamu rakkoolee malaammaltummaan walqabatanii jiran furuuf balaa rakkichi qabu hawaasa hubachiisuuf ta’uu isaa kaasaniiru.
Dhaloota biyya dhaalu uumuufi badhaadhina mirkaneessuuf dhaloota naamusaan bocuun barbaachiisaa ta’uu himaniiru. Sadarkaa sadarkaan dhaloota naamusaan ijaaruufi malaammaltummaa irratti qabsaa’uuf rifoormiiwwan dhaabbatawaa adda addaa taasifamuu dubbataniiru. Komiishinar Habataamuun, dhaloota bocuufis ta’e hojmaata badaarratti qabsaa’uuf qooda fudhattoonni gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban waamicha dabarsaniiru.
Komiishinarri Komiishinii Siivil Sarviisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Naannichaa Baanchamlaak Gabramaariyaam, dhaabbilee ijaaruun kenna tajaajilaa guddisuun itti qufiinsa hawaasaa guddisuun barbaachisaadha jedhaniiru. Wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo masoobiin itti qufiinsi maamilaa uumamaa jiraachuu kan eeran aadde Baanchaamlaak hojiin ijaarsa dhaabataa hojmaataan jabaachaa akka deemu ibsaniiru.
‘’Dhaabbata ijaaruun galtee barbaachisoo guutuu qofaan osoo hin taane dirree gita hojii itti hojjetaniin uummata tajaajiluun bu’a qabeessa ta’uudha’’ kan jedhan Komiishinarri kun hawaasa tajaajiluun raacitii boruuf ka’uu ta’uusaa hubachuun qajeelummaan kan tajaajilan ta’uu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


