Misooma Maaddii Guutuu Bulchiinsa Magaalaa Kamisee

Misooma midhaaniifi beelladaa walsimsiisanii qonna ceesisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuu danda’uun walqabatee banaaleen akka biyyaatti jiran laayyoo miti. Rakkoo gama kanaan jiru furuuf dhiheenya kana inisheetiiviiwwan qonnaa garaagaraa hojii irra oolaniiru. Kanneen keessaa inisheetiiviin maaddii guutuu kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hojjetamaa jiru isa tokkodha. Maarree, hojii gama kanaan jiruun magaalaan Kamisee sochii akkamii taasisaa akka jirtu barruu keenyaan isin dubbisiisna.

Jiraataan magaalaa Kamisee ganda Qaacur obbo Ahimad Huseen, waggoota sadii oliif maatii isaanii hirmaachiisuun horsiisa kanniisaafi lukkuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Akka dhuunfaa isaaniitti gaagura ammayyaa 60 qabaachuu eeranii, bu’aa gaariis akka irraa argachaa jiran kaasaniiru. Dabaluunis inisheetiivii maaddii guutuu hojiirra oolchuuf qonna cinatti qe’ee isaanii keessatti lukkuu horsiisaa jiraachuu himaniiru. Lukkuu 500 qabaachuu kan kaasanii obbo Ahimad ‘’guyyaatti killee 150 gabaaf nan dhiheessa’’ jedhaniiru. Bakki gurgurtaa killeef oolu gama Waajjira Misooma Qabeenya Beelladaafi Qurxummii bulchiinsa magaalichaan argachuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, maaddii guutuu hojiirra oolchuun jiruufi jireenya dhuunfaafi maatii utubaa jira.

Itti gaafatamaan Waajjira Misooma Qabeenya Beelladaafi Qurxummii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Kadir Mahaammad kaayyoon maaddii guutuu inni ijoon, oomishaafi oomishtummaa beelladaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi sirna nyaataa fooyyessuudha jedhaniiru. Sadarkaa bulchiinsa magaalichaatti hawaasni naannoo isaatti gabbisa loonii, oomisha aannanii akkasumas horsiisa lukkuufi kannisaa irratti bal’inaan hirmaatee fayyadamaa akka ta’uuf jajjabeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Obbo Kadi, maaddiin guutuu sirna nyaataa madaalawaa mirkaneessuun lammii fayya buleessaafi humna oomishuu danda’uu horachuuf gahee guddaa qabas jedhaniiru. Magaalichatti hawaasni dhuunfaatti oomishee soorachaa jiraachuufi waldaaleen adda addaa horsiisa lukkuufi oomisha aannanii irratti gurmaa’anii maaddii guutuu irraa fayyadamoo ta’aa akka jiran ittigaafatamichi himaniiru.

Qonnaan bultoonniifi horsiise bultoonni oomishaalee bu’aa beelladaa kanneen akka: aannan, foon, lukkuu, hanqaaquu, dammaafi k.k.f haalaan oomishuun ofirra darbanii gabaaf dhiheessuun diinagdee isaanii akka jabeeffataniif gama waajjirichaan hubannoon kennamaa turuudha obbo Kadir kan eeran. Hubannoon gama kanaan kennamaa ture bu’aa qabatamaa argamsiisuus himaniiru. Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti, bara darbe magaalichatti killeen miiliyoona tokko oomishameera. Akkasumas horiin kumni afur furdifamee gabaaf dhihaachuu dubbataniiru. Bara baajataa kana kurmaana tokkoffaan horiin kumni sadiifi 400 furdifamuun gabaaf dhihaateera jedhaniiru.

Oomisha aannaniin sanyii fooyya’oo kan ta’an ameeyyiin digdamni jiraachuu kaasaniiru. Sa’a tokkoorraa guyyaatti aannan liitirri digdamaa hanga soddomaa argamaa jira jedhaniiru obbo Kadir. Horsiisa kanniisaan gaagurri ammayyaa 200 hojii irra ooluu kaasaniiru. Horsiisa qurxummii jalqabuuf namoota 45 gurmeessanii hojiitti galchuuf haalduree xumuraa akka jiran dubbataniiru.  Akka itti gaafatamaan kun jedhanitti bara darbe interpiraayizoonni garaagaraa 6 hojii maaddii guutuu irratti bobbaafamaniiru. Bara kanas interpiraayizoota 16 gara hojiitti galchuuf karoorfamee, hanga ammaatti interpiraayizoonni 5 hojiitti galfamuu himaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo