Gareen finciltootaa M23 magaalaa Uviraa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo dhuunfatee ture erga Ameerikaa dhiibbaa taasisteen booda naannawa guutuu gadi dhiisee akka bahu waadaa seenuu isaa ibseera. Gareen M23 wal dhabdee yeroo dheeraaf Baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti ture dhaabsisuuf mootummaa Koongoofi Ruwaandaa gidduutti waliigalteen nagaa “seenaa qabeessa” ta’e erga taasifameen guyyoota muraasaan boodatti, magaalaa tarsiimoo dhiheenya daangaa Burundii to’achuun isaa dhaga’ameera.
Jiraattonni Uviraa tokko tokko BBC’tti akka himanitti, M23 socho’aa jiraachuufi gadi dhiisuun isaa ifa miti; konkolaattonni feʼumsaa isaanii tokko tokko ammallee magaalattii keessa sochoʼaa turan jedhaniiru. Uviraan qabamuu isheetiin Ameerikaan balaaleffachuufi qoqqobbii Ruwaandaa irra kaa’uuf akeekkachiistee jirti. Ameerikaan Ruwaandaan finciltoota kana deeggarti jettuus Ruwaandaan ni waakkatti. Hogganaan M23 Bertiraandi Bisimiwaa lola kana keessaa bahuuf ”sochiin geggeeffamaa jira” jechuun dubbi himaan isaanii Wiilii Nigoma ”nagaaf jecha” dubbataniiru.
Bisimiwaan barreeffama fuula “X” irratti barreesseen, giddu-seentonniifi qaamoleen tumsitootaa idil-addunyaa magaalattiin “haaloo ba’uurraa, jeequmsaafi humni waraanaa deebi’uu” irraa akka eegamtuu hubachiisaniiru. Miseensi waldaa siivilii naannoo sanaa sababa nageenya dhuunfaa isaaf jecha maqaasaa dubbachuu hin barbaanne tokko, loltoonni M23 tokko tokko bahuu jalqabaniiru jechuun BBC’tti himeera. Haata’u malee poolisoonni garee tokko irraa ammallee seenaa akka turan dubbateera. Gariin ammoo amma seenaa jiru jechuun jiraataan biroo himeera. ”Ammallee waan as jiran fakkaatu, kaleessa konkolaataan biroon fidee yoo buusu argeera” jechuun BBC’tti himeera.
Dubbii himaan Mootummaa Koongoo, Paatrik Muyaayaa akka jedhanitti beeksisni M23 tarkaanfii garee jaarsummaa Ameerikaa dagachiisuuf waan yaadamedha. Loltoonni M23 Uviraa keessaa bahuuf murteessuun isaanii ”yaada qajeelaadha” jechuun dubbataniiru. Haata’u malee, mootummaan haallicha mirkaneeffachuu akka qabu hubachiisaniiru. Akka ragaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti haleellaa Uviraatti taasifameen lubbuu namoota lakkoofsaan baay’ee ta’an darbeera. Yoo xiqqaate namoonni 100 madaa’aniiru. Namoonni kuma 200 ol qe’eerraa buqqa’aniiru. Namoonni nagaa kuma 30 ta’an gara Burundiitti baqataniiru.


