Itoophiyaan biyya af-daneetti,sab-daneettiifi amantaalee garagaraa qabdudha. Biyya seenaa dheeraafi uummata garaagarummaa hedduu qabaattus biyya tokkummaan beekamtedha. Garaagarummaan enyummaa Itoophiyaanootaa bareedaafi hawwataadha. Sirni kabaja ayyaanoota amantaa, lammilee hordooftoota amantichaaf qofa osoo hin taane uummata biyyattiif haawwataafi madda gammadinaati. Kanaanis sirni kabaja ayyaanoota amantaa qabeenya Itoophiyaanootati ni jechiisisa.
Sirni kabaja ayyaanootaa kunneen lammilee biyyattii hawwachuu darbanii turiistoota biyya alaa hedduu kan hawwanidha. Maddi galii turizimii immoo Itoophiyaanoota hedduu kan fayyadudha. Sirnootni kabaja ayyaanoota akkasii fuullee biyyattiis kan ijaaranii dha. Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos tibbana kabajameefi Cuuphaan fuldura keenya kabajamu kannen keessaa kan caqafamaniidha. Haalli kabaja ayyaanootaa kun qabeenya killayyaa biyyattiin qabdu keessaa kan caqafamaniidha. Ayyaanootni kun barsifata amantichaa raawwachisun cinaatti walitti dhufeenya hawaassummaa cimsuun faayidaa hedduu qabu.
Halli kabaja ayyaanootaas walkabajuufi waldanda’uu amantaalee bifa eeggateen gargaarsaafi feedhii lammilee amantaalee biroo hordoofan waliin kan kabajamaniidha. Kun calaqqee enyummaafi walinummaa Itoophiyaanootaati. Barsifannaa amantichaa, aadaafi dudhaa bulleyyii bifa eeggateen kabajamaas jiru. Ayyaanoota akkassi eegachuu bira darbanii kununsuun barbaachisaadha. Haala mijataa sirnaan kabajamu danda’an uumun barbaachiisaadha. Torbee kabaja ayyaanootaa akkasii hojjii daldalaa dadamaqsuuf,aadaafi duudhaa biyyattii ibsachuuf, sirna ganamaa walkabajuufi waldanda’u amantaalee daran barsifachuuf itti fayyadamuu barbaada. Miidiyaaleen biyyattii taatee kana uummata biraan gahuu keessatti gahee guddaa qabu.
Miidiyaaleen kun ayyaanoota kana sirna ayyaanichaa eegatanii uummata biraan gahun dirqamaafi itti gaafatamummaa isaaniti. Ayyaanoota kana sirna kabaja isaanii addunyaa biraan gahuf qabeenya killaayyaa adunyaa taasifachuu barbaada. Kun kan ta’u danda’u ayyaana sirnaan kabajuu, nagaan kabajuu, lammilee biyyattii keessatti fudhatamummaa guddaa qabuufi haawwata turizimii yoo ta’e qofadha. Hordoftoota Amantaa Kiristaana maraaf Baga Ayyaanoota Dhaloota Iyyasuus Kiristoosiifi Cuuphaan isin gahe! Ayyaana Gaarii!


