Pirojaktii Ijaarsa Jallisii Qonnaan Bultoonni Hawwiin Eegaa Jiran

Pirojaktota misoomaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qaba. Icciitiwwan guddina biyya tokkoo saffisiisuf fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan keessaa tokko pirojaktiwwan misoomaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka oolu kan taasisudha. Haata’u malee Pirojaktonni ijaaramuuf yeroo qabameef keessatti xumuruu dhabuun guddina diinagdeefi biyya irratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan jiranidha. ‎

‎Bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawwee Harawaa ganda Dirreetti kan argamu pirojaktiin jallisii Laga Shariif bara darbe keessa hojjatamuuf karoorfamee hojiitti galamee kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa adda cituun isaa komii hawaasaa uumeera. Obbo Sayid Usmaan aanichatti jiraataa ganda Dirreeti. Pirojaktiin jallisii laga Shariif eegalamee yeroo ammaa adda citee jiraachuu eerun, sababa kanaanis jiraattotni gandichaa faayidaa pirojakticharraa argatan dhabuu isaanii dubbataniiru. Pirojeektiin jallisii laga Shariif oomisha qamadii bonee dabalatee oomishaalee kuduraaleefi muduraalee garagaraa oomishuuf kan karoorfamee turedha.

Kanaan dura maloota aadaa garagaraatti fayyadamuun oomishaa akka turan yaadachun sababa ijaarsa pirojaktii kanaatin haalli duraan itti fayyadamaa turan qotamee baduun faayidaa duraan argachaa turaniyyuu dhabuu isaanii ibsaniiru. ‎ akka jiraataan kun jedhaniitti oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xumuramuu piroojaktii kanaa hawwiin eegaa jiru.‎ Itti gaafatamaan waajjira jallisiifi misooma gammoojjii aanaa Dawwee Harawaa obbo Ibraahim Ahmad, Pirojaktiin jallisii Laga Shariif hojjetamuu eegalee adda cituu isaatiin qonnaan bulaan faayidaa jallisicharraa argachuu qabu akka hin arganne kaasaniiru. Pirojeektiin Jallisii Laga Shariif lafa heektara 80 ol irratti abbootii warraa 130 ol taajaajiluuf kan karoorfame ta’uu ibsaniiru. Obbo Ibraahim akka jedhanitti sababa Pirojaktichi qulqullinaan hin ijaaramneefi harkifannaa isaatiin hawaasni komii dhiyeesseen adda citee turuu dubbataniiru.  Pirojaktiin kunis baajata mootummaa naannootin kan eegalame yoo ta’u naannoon furmaata waaraa akka kennuuf bulchinsicharraa eegalee hanga naannootti qaama dhimmi ilaallatu hundatti iyyata dhiyeessanii jiraachuu dubbataniiru. ‎

Itti gaafatamaan qajeelcha jallisiifi misooma gammoojjii Bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Ahmad Jibriil, bara darbe sababa rakkoo kontiraaktara piroojakticha ijaaru hojiin projaktichaa adda citee turuu eraniiru. Yeroo ammaa adeemsa akka bulchinsichaatti godhamuu qabu hundumaan sanadoota jiran guutuudhaan gara naannootti erganii jiraachuu dubbataniiru. Piroojaktichi baajata naaannootin waan hojjetamuuf naannoon eeyyama xalayaa caalbaasii haaraa baasuu akka isaanif  ergameen caalbaasii haaraa baasuun bara kana gara hojiitti galchuuf karoorfatanii jiraachuu ibsaniiru. ‎

Ijaarsa misooma jallisii naannoo Amaaraa obbo Geetinnat Ayyaaleew, rakkoowwan Pirojeekticha irratti muudatan qorachaa kan jiraniifi xalayaa bulchiinsa sablammii Oromoorraa ergameerratti hundaa’un irra deebiin caalbaasii haaraa baasanii pirojeekticha itti fufsiisuf hojjechaa jiraachuu ibsaaniiru. ‎Akka bulchiinsa sablammii Oromootti piroojaktonni jallisii garaagaraa ijaaramaa jiru. Fakkeenyaaf aanaa Baateetti kan argamu Pirojaktii misooma jallisii Jaldeettii jalqabamee yeroo ammaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanneen biroo immoo pirojaktiin jallisii kaanaalii aanaalee afur kesssatti hojjetamaa kan jirudha.

Piroojeektonni kunneen aanaa Baatee, Jillee Dhummuugaa, Arxummaa Fursiifi aanaa Dawwee Harawaatti hojjetamaa kan jiran akka ta’e kan ibsan obbo Ahmad, kana malees projeektiiwwan misoomaa caalbaasirra jiran baay’ee ta’uu kaasaniiru. Pirojaktii hojjetamee xumuramuun hojii eegale aanaa Dawaa Caffaatti kan argamu pirojeektii misooma jallisii ‘Samaraa’ kan jedhamudha. Kunis xumuramee yeroo ammaa tajaajila garagaraaf oolaa jira. Pirojaktonni xumuramanii jiran tajaajila oomisha qamadii bonee dabalatee oomisha Maangoofi Muuzii akkasumas kuduraafi muduraa garagaraa oomishaa jiraachuu dubbataniiru. ‎

Moosisaa Fufaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo