Karoora hojiilee misooma mootummaa milkeessuf hirmaannan hawaasaa gahee olaanaa qaba. Akka biyyaattis ta’ee sadarkaa naannoofi bulchiinsa magaalotaatti hojiilee misoomaa kamiyyuu milkeessuuf hirmaannaan hawaasa milkaa’ina misoomichaaf baay’ee murteessaadha. Bulchiinsa magaalaa Kamiseetti hojiilee misooma milkeessuuf hirmaannaa hawaasni taasiseen milkaa’inni guddaan argameera. Hawaasni fedhii misoomaaf qabu irraa kan ka’e, Keessumaayyuu hojiilee misooma koriidarii magaalaa Kamiseerratti hirmaannaa taasisuudhaan kaffaltii beenyaa tokko malee bakkeewwan daldaala isaanii hojiilee misoomaaf banaa taasisaa jiru. Kana malees hojiiwwaan hirmaannaa hawaasan taasifameen waliin gahinsa humna ibsaa magaalichaatin hawaasni maallaqaafi humna isaatiin hirmaannaa taasiseen milkaa’inni guddaan argameera.
Jiraataa bulchiinsa magaalaa Kamisee ganda 02 obbo Li’uulsaggad Girmaa, hirmaannaa hawaasatiin hojiilen karoora misooma mootummaa baay’een hojjetamuu dubbataniiru. Hawaasni barbaachisummaa misoomni qabu sirnaan waan hubateef hirmaannaa cimaadhaan hojii bu’uuraalee misoomaa irratti taasisuu isaanii ibsaniiru. Gama mootummaatiin hubannoo uumun barbaachisummaa bu’uuraalee misoomaa taasifamaa kan jiru ta’uu dubbataniiru. Haaluma kanaan hirmaannaa hawaasaatiin hojiilee misoomaa hojjetamaaniin hawaasni kaffaltii beenyaa osoo hin gaafatin misooma koriidariif idoowwan hojiifi manneen jireenyaa isaa gadi dhiise misoomaaf banaa gochuu eraniiru.
Waliin ga’insa ibsaatiin wal qabatees hawaasni hirmaannaa taasiseen humna isaatiin hojiicha irratti hirmaachuun akkasumas maallaqa ofii isaanitiin walitti qabanin wal gahinsi ibsaa gandoota isaanii keessatti taasifamuu dubbataniiru. Jiraataan kun akka jedhanitti hojiileen misoomaa mootummaa guutummaan guututti mootummaa qofaan hojjatamee xumura osoo hin taane hirmaannaan hawaasaa murteessaafi barbaachisaadha. Hawaasni magaalaa Kamisee nageenya isaa eeggachaa hojiilee misooma isaa itti fufsiisaa kan jiru ta’uu dubbataniiru. Gara fuula duraattis hawaasni hirmaannaa isaa itti fuufsiisuu akka qabus dhaamaniiru.
Aadde Asmee Shambalaalii jiraattuu magaalaa Kamisee ganda 04 yoo taatu, namoota hirmaannaa hawaasatin hojiilee karoora mootummaa milkeessan keessaa tokkodha. Hawaasni hirmaannaa hojiilee misoomaa irratti dammaqinaan hojjechaa kan jiru ta’uu eeraniiru. Hojiileen misoomaa koriidarii, waliin gahinsa ibsaafi misooma jallasii dabalatee hojiilee hedduun hojjetamuu dubbataniiru. Kessumaa immoo rakkoo bishaan dhugaatii furuuf hojiin ganda Qaacur keessatti hojjetame fakkeenya guddaadha jedhaniiru. Ganda Qaacur keessatti rakkoon bishaan dhugaatii furuuf hojiilee hojjetamaniin bishaan baasanii tajaajilaaf banaa gochuu isanii ibsaniiru. Hojiin bishaanichaa kan hojjetame baajata mootummaa osoo hin gaafatin hirmaannaa uummataafi deeggarsa dhaabbata miti mootummaa ‘3R’ jedhamuun ta’uu dubbataniiru.
Aadde Asmeen, hojiin hojjetamaa ture gaarii ta’us hojiilee bal’aan hirmaanna hawaasaa barbaadan baay’een waan hafaniif hawaasni cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru. Keessumaa immoo hojiilee misoomaa kana hojjechuu qofa osoo hin taane hojjetamee erga xumuramee kunuunsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. ‘’Hawaasni misoomni kun kan kooti jedhee abbantummaan tikfachuufi kunuunsuu qaba’’ jedhaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa magaalaa Kamisee obbo Mahaammad Alii, hirmaannaa hawaasni taasiseen hojiileen misooma bal’inaan hojjetamuu ibsaniiru. Hojiileen misoomaa akka bulchiinsa magalichaatti hirmaannaa hawaasatiin hojjetaman keessaa tokko bo’oo bishaanii ta’uu kaasuun kunis gara maallaqaan yoo tilmaamamu gara birrii miliyoona 13 olitti kan tilmaamamu ta’u dubbataniiru. Gandoota magaalicha keessaa Ganda 02 fi 06 keessatti hawaasni waldaan gurmaa’ee iddoowwan ibsaan hin geenyetti ibsaa diriirsun baasii isaaf dhibbantaa 50 danda’uun manneen tokkoon tokkoo jiraattotaaf tajaajila ibsaa galchaa kan jiran ta’uu dubbataniiru.
Obbo Mahaammad akka jedhanitti, gama misooma koriidarii wal qabatee hawaasni kaffaltii beenyaa tokko malee misoomaaf iddoo daldaala isaafii manneen jireenya isaa gadi dhiiseera. Iddowwan hawaasni miidhamuu danda’a jedhamee yaadamutti immoo mootummaanis ilaalcha keessa galchee harka qalleeyyidhaaf manneen jireenyaa ijaaramanii kennamuu himaniiru. Jalqabbii diigaa manneenii irraa eegalee fuulduree manneenii miidhagsuu irrattis hawaasni dammaqinaan hirmaachun fuulduree manneenii midhagsaa jiraachuu kaasaniru. Kana malees hojiilees misooma jallisii keessatti hawaasni bakka barbaachisutti humnaan mootummaa cinaa dhabbachuun hojjechaa turuu isaa ibsaniiru. Hirmaannaan hawaasaa karoora hojiilee misoomaa mootummaa keessatti murteessaa waan ta’eef hawaasni hundi hirmaannaa taasisuu akka qabu itti gaafatamaan kun dhaamaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


