Hojiin misoomaa hundi kan milkaa’u yeroo hawaasichi hirmaatedha. Hojiileen hawaasicha hin hirmaachifne bu’aa qabeessa ta’uu hin danda’u. Karoora hojiilee misooma mootummaa milkeessuuf hirmaannaan hawaasaa gahee olaanaa qaba. Akka biyyaattis ta’ee sadarkaa naannoofi bulchiinsa magaalotaatti hojiilee misoomaa kamiyyuu milkeessuuf hirmaannaan hawaasa milkaa’ina misoomichaaf baay’ee murteessaadha.
Akka bulchiinsa Sablammii Oromootti hojiilee misoomaa milkeessuuf hirmaannaa hawaasni taasiseen milkaa’inni guddaan argameera. Hawaasni fedhii misoomaaf qabu irraa kan ka’e, Keessumaayyuu hojiilee misooma koriidarii kaffaltii tokko malee bakkeewwan daldala isaanii hojiilee misoomaaf banaa taasisaa jiru. Hawaasichi nageenya naannawa isaa argamsisuurrattis shoora olaanaa taphachaa jira. Dhimmi nageenyaatis ta’e ijaarsi bu’uraalee misoomaa adda addaa kan hojjetamanis ta’e kan tajaajilan hawaasichaan waan ta’ef gama hundaan hirmaannaan hawaasichaa murtessaadha.
Uummanni hojii mootummaan hojjetu hunda keessatti gama maallaqaan, dandeettiifi humnaan gargaarsa mataasaa ni taasisa. Kana qofa osoo hin taane hojiileen hojjetaman hundi fiixaan kan gahaan yeroo hawaasicha biratti fudhatamummaa argatudha. Waan kana ta’ef qaamoleen mootummaa yeroo hojiilee misoomaa garaagaraa hojjechuuf karoorsan uummata mari’achisuun irraa eegama. Uummannis hojiileen hojjetaman kan isaa akka ta’e amanuun hirmaannaa isaa cimsee itti fuufsiisuu qaba. Uummanni hojiileen misoomaa akka isaaf hojjetamu gaafachuuf mirga akka qabuutti, hojiilee hojjetaman kanneen gargaaruufi deeggaruun itti gaafatamummaa olaanaa qaba. Keessumaayyuu bu’uraaleen misoomaa hojjetaman hundi abbaantummaan kan bulchuufi itti fayyadamu uummatadha. Kanaaf hawaasichi hojiilee hojjetaman hundi kan isaa ta’uufi furtuu hojii hundaa ta’uu amanuun akkuma duraan taasisaa tureett hirmaannaa isaa cimsee itti fuufu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’ati.


