Ogeessa Harka Warqee

Uummanni Oromoo akkuma uummata birootti qabeenya dilbii uumamaafi namtolchee qor-qalbii namaa hawwatan hedduu qaba. Meeshaaleen faaya aadaa agarsiistuu uummata Oromoo keessaa isa tokkodha. Meeshaaleen faaya Oromoo qor-qalbii nama hawwatan hojjechuun, uummatichi dilbii qabuun fayyadamaa akka ta’uuf hojjechuun murteessaadha. Oromoo walloo birattis, meeshaalee aadaa faaya dubartoota, dargaggoonniifi maanguddoonni akkasumas kutaataleen hawaasaa garagaraa meeshaalee faaya aadaa qabu. Meeshaalee faaya aadaa hojjechurratti namoonni beekamoon baay’ee jiru.

Obbo Mahaammad Sayid jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Dinkiyyeeti. Nama ogummaa meeshaalee faayaa aadaa hojjechuun beekamudha. Obbo Mahaammad nama ogummaa addaa qabuufi kalaqa dhuunfaa isaatti  gargaaramee faaya aadaa albuudota naannoo isaatti argaman irraa hojjettanidha. Kalaqa hojii isaa kanaanis meeshaalee faaya aadaa babal’isuu keessatti gahee guddaa bahachaa kan jira. Obbo Mahaammad, hojii qonnaa cinaatti ogummaa meeshaalee faaya aadaa hojjechuun galii argatuun ofiif maatii isaa jiraachisaa kan jirudha.

‎Obbo Mahaammad akka jedheetti Oromoon walloo durii kaasee aadaa, duudhaa, seenaafi kalaqa garaagaraa qabaachuun beekama. Isaan keesaaa kalaqaa meeshaalee faayaa aadaa Oromoo kanneen akka Halkoo, Gumeefi quboo ta’uu ibsuun, “anis wantoota naannoo keenyatti argamu kanneen akka dhagaafi suphee akkasumas albuuda garagaraa fayyadamuun meshaalee faaya quba harkaa, mormaafi gurraa dhuunfaadhan hojjechuudhaan gabaaf dhiyeessaan jira” jedheera. “Hawaasni karaa aadaan meeshaalee faayaa aadaa hojjetee itti fayyadamuun waan baramaa miti” kan jedhan obbo Mahaammad, “ogummaa kanaan kennaa addaa qabachuunkoo na boonsa” jedhaniiru. Ogummichas kan argatan kaka’umsaafi shaakala dhuunfaa isaaniitiin ta’uu dubbataniiru. Hojii kanaanis ofii hojjetatanii itti fayyadamuurra darbanii gabaaf dhiyeessuun hawaasni akka itti fayyadamuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

‎Ogummaa qaban kanaan karaa aadaa meeshaalee faayaa kana hojjechuun dadhabbii guddaa qaba kan jedhe abbaan kalaqaa kun hojii isaa ammayyessuuf gargaarsi akka taasifamuuf gaafateera. “Gama waajjiraatiinis ta’ee dhuunfaan, namni na gargaaru yoo jiraate kanarra haala fooyya’aa ta’een hojjedhee gabaaf dhiyeessun danda’a” jedheera. Qaamni fedha qabu kamiyyuu isaa cinaa akka dhaabbatuufis gaafateera. Obbo Indiriis Ahmad jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Dinkiyyeeti.  Jiraataan kun akka jedhaniitti obbo Mahaammad meeshaalee faaya aadaa hawaasichaa wantoota sasalphaa naannoo isaatti argamu dhagaawwaniifi biyyoo garagaraa irraa hojjechuu isaa himaniiru. Meeshaaleen faayaa aadaa obbo Mahaammad hojjetan gatii salphaa ta’een karaa kalaqa  kanaan fayyadamoo ta’aa jiraachuu isaanii ibsaniiru.  Meeshaalee faayaa kanas irraa bitatanii kan itti fayyadamaa jiran ta’uu kaasaniiru. Cimina isaa kanas ajaa’ibsifachuudhaan meeshaalee faaya aadaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa akka bahachaa jirus ibsaniiru.

‎Bakka bu’aan itti gaafatamaa waajjira Indastiriifi Invastimantii aanaa Dawwee Harawaa obbo Geetahuun Hayiluu, abbaan ogummaa harkaa kun aanaa Dawwee Harawaatti nama karaa aadaatiin meeshaalee faayaa aadaa hojjechuun beekamu ta’uu dubbataniiru. Hojii qonnaa isaa cinaatti ogummaa qabuun meeshaalee faayaa aadaa kana kan hojjetu ta’uu kaasaniru. Koreewwan waajjira invastimantii aanaa isaaniifi qajeelcha bulchinsichaa waliin iddoo kanatti argamanii daawwachuu isaanii ibsaniiru. “Gara fuulduraatti beekkamtii nii kenninaaf” kan jedhan obbo Geetahuun, hoijicha bal’inaan hojjechuu akka danda’aniif gurmiidhaan gurmeessinee yeroo dhiyootti gara hojiitti nii galchina jedhaniiru.

Obbo Jamaal Sayid abbaa adeemsa qabeenya albuudaa, qajeelcha Invastimantii bulchiinsa sablammii Oromooti. Hojiin kalaqaa obbo Mahaammad kan baay’ee nama ajaa’ibsiisuufi nama boonsu ta’uu dubbataniiru. Iddoo hojii isaatti deemanii daawwachuu kan eeran obbo Jamaal, gara fuulduraattis haala mijataan uumameefii teknooloojiitti gargaaramee akka hojjetuuf waajjira invastimantii aanaa Dawwee Harawaa waliin haala mijeessaafi jiraachuu dubbataniiru. Kessumattuu calaqqee aadaa Oromoo walloo mul’isuu keessatti kalaqni akka obbo Mahaammad jajjabeeffamuu kan qabuudha jedhaniiru. Obbo Jamaal “nutis caalmaatti dadhabbii isaatti firii gaarii gochuuf gama keenyaan gahee keenya nii baana” jedhaniiru.

‎Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo