Hojiirra Olmaa Mirga Dubartootaa

                                          

Akka heera mootummaatti mirgi dubartootaa keewwata 35 jalatti bal’inaan barreeffameera. Kunis dubartoonni mirgoota heeran mootummaan qabanitti sirnaan itti fayyadamuu akka qaban agarsiiftudha. Biyya keenyatti dubartoonni mirga haa qabaataniyyuu malee bakka hundatti bifa wal fakkaatan  qixa sirriin irratti hojjetamaa hin jiru; dubartoonnis yeroo mirga isaaniitti fayyadaman hedduu hin mullatu. Miidhaawwan kanneen akka miidhaa qaamaa, miidhaa saalaa, miidhaa xiinsammuufi miidhaa diinagdee yeroodhaa gara yerootti dubartootaafi shamarran irrati kan mul’atanidha.

‎Akka naannoo Amaaraatti yakkootaafi miidhaa dubartoota irra gahu ittisuuf waajjiraaleen dhimma dubartootaa, daa’immaniifi hawaasummaa hojiilee garagaraa hojjechaa jiru. Bulchiinsa sablammii Oromoottis waajjiraaleen kun hojiilee mirga dubartootaa irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa kan jiranidha. Bulchiinsicha keessatti baroottan darbanitti miidhaaleen garagaraa dubartootarra gahaa tureera. Haa ta’u malee xiyyeeffannoo gama mootummaan kennameen yakkoonni miidhaa saalaan wal qabatan irratti tarkaanfin fudhatamaa kan jiruufi dubartoonni mirga isaanitti akka fayyadamaniif  hojjetameera, hojjetamaa jiras.‎

‎Aanaa Arxummaa Fursii ganda Qeerransaa Saddeeqootti shamarree waggaa torbaa irratti miidhaan saalaa (gudeeddii) irra gaheen miidhaa qaamaafi xinsammuuf saaxilamuu dandeesseeti. Haati shamarree kanaa ammaaf maqaan isaanii akka eeramu kan hin barbaanne akka jedhanitti, miidhaan saalaa mucayyoo isaanii umurii waggaa torba irratti raawwateera. Miidhaa isheerra dhaqqabe kanaanis daa’imni isaanii miidhaa qaamaafi xiinsammuuf kan saaxilamte ta’uu dubbataniiru.

‎Yakka kana hordofee himata Abbaan Alagaa aanichaa dhiyeessen yakkamaan kun seeratti dhihachuun adabbiin hidhaa waggaa15 itti murteeffamee mana sirreessaa kan jiru ta’uu ibsaniiru. Harmeen kun akka jedhanitti miidhaan mucayyoo isaanirra dhaqqabullee nama yakka mucaa isaanii irratti dalage kanarratti tarkaanfii barbaachisaafi barsiisaan fudhatamuu dubbataniiru. Yakkik mucaa isaanirratti raawwate shamarran kan biraa irratti akka hin raawwanneef barnoota guddaa ta’uu ibsaniiru. Harmeen kun akka jedhaniitti hawaasni hundi keessumaayyuu dubartoonni mirgi isaanii akka kabajamuuf cichoominaan hojjechuu qabu.‎

‎Aadde Kadijjaa Huseen jiraattuu aanaa Arxummaa Fursee ganda Wagaree Dabbassoo yoo taatu, miseensa gurmii gamtaa misooma dubartootaati. Aadde Kadijjaan, baroottan darbe keessa aanaa isaaniitti miidhaaleen garagaraa dubartootarra gahaa turuu eerun, yeroo ammaa barteewwan boodatti hafoo dabalatee miidhaan karaa garagaraa dubartootarra gahaa ture hir’achaa dhufuu dubbataniiru. Akka gurmii gamtaa misooma dubartootattis guyyaa kudha shaniin dubatoota walitti qabuun dhimma hawaasummaa dabalatee dhimmoota garagaraa irratti hubannoo kan kennaafii jiran ta’uu eeraniiru.

‎Gama fayyaatinis dubartootarra miidhaan akka hin geenyeef yeroodhaa gara yerootti wal’aansa akka argataniif gorsi kennamaafii jiraachuu ibsaniiru. ‘’Dubarri baratte eessayyuu ga’uu ni dandeessi’’ kan jedhan aadde Kadijjaan, shamarran kamiyyuu barnoota qixa dhiiraa argachuu akka qabaniifi akka gurmii dubartootaattis hubannoo uumaa kan jiran ta’uu dubbataniiru.

‎Jiraattun Aanaa Arxummaa Fursii ganda Wagaree Dabbasoo, aadde Zahaaraa Mahaammad, miseensa gurmii gamtaa misooma dubartootati. Kaayyoon hundeeffama gurmii isaanii, dubartoonni mirga qabanatti sirnaan akka fayyadamaniifi hacuuccaan kanaan dura dubartootarra gahaa ture hambisuuf akka ta’e dubbataniiru. Kanaan dura miidhaan garagaraa dubartootarra gahaa turus yeroo ammaa  hawaasni barnoota argateen barteewwan boodatti hafoo kannen akka kittaanaa shamarranii, huuba qoonqoo muruu, umurii malee heerumsiisuufi barmaatilee boodatti hafoon kanneen biroo kan hafaa dhufan ta’uu kaasaniiru.

“Miidhaa kanaan dura dubartootarra gahaa tureen hadholiin keenya miidhaaf saaxilamaniiru” kan jedhan aadde Zahaaraan, dubartoonni mirga qaban irratti sirnaan irratti hojjechuu akka qaban dubbataniiru. Keessumaa dubartonni mirga isaanitti fayyadamuun hirmaannaan gama hawaasummaa irratti taasisaa jiran jireenya isaanii har’aa kan fooyyesseefi dhaloota isaan booddee dhufaniif abdii guddaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

‎Obbo Waaggarii Tolasaa waajjira dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa aanaa Arxummaa Fursiitti Abbaa Adeemsa hojii eegumsa mirga daa’immaniiti. Baroota darbaniitti hacuuccaan garagaraa dubartoota irra gahaa turuu kaasun, yeroo ammaa haalonni duraan turan foyya’aa dhufuu ibsaniiru. Miidhaan kun dhaloota boruufi waliin jireenya hawaasaa irrattis dhiibbaa guddaa qabaachuu kaasaniiru. Isaanis akka waajjira isaanitti miidhaan dubartootarra yoo gahe hordofuun seeratti kan dhiyeessaniifi hanga murtii argatutti hordoffii akka taasisan dubbataniiru.

‎Obba Waaggarin akka jedhanitti keessumaa gama hawaasummaan dubartootoonni fayyadamoo akka ta’aniif hojiin gama fayyaafi barnootarratti hojjetame fakkeenya gaarii ta’uu dubbataniiru. Waldaa gurmii gamtaa misooma dubartootaan, dubartoota ganda gandaan hundeessun barnootaafi fayyaa irratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Gurmiin kun hawaasa keessatti barteewwan boodatti hafoo dhabamsiisuu keessattis hawaasaf irra deddeebin hubannoo kennuu isaanii kaasaniiru. Akka aanaa saaniitti yakkoonni sarbama mirga dubartootaa yoo raawwataman qaamota yakka kana raawwate irratti tarkaanfiin madaalawaafi barsiisaa ta’e irratti fudhatamaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo