Gaaffii Mirga Filachuufi Filatamuu

 

Naannoo Amaaraa Godina Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa aanaalee hunda keessatti bifa wal fakkaatun, hiriirri uummataa mataduree “Mirgi filachuufi filatamuu mirga keenya heera mootummaati” jedhuun gaggeeffameera. Murtee Manni Maree Federeeshiniifi Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa uummanni godinichaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti akka hirmaatu dabarse hojiirra ooluu akka qabus hiriiricha irratti jiraattooni gaafataniiru. Rakkoo nageenyaa naannichatti uumamee tureen uummanni godinichaa filannoo darbe irratti osoo hin hirmaatiin hafuun isaa ni yaadatama. Ta’us, yeroo ammaa naannicha keessa nageenyi amansiisaan waan jiruufi uummanni filannoo waliigalaa torbaffaa irratti akka hirmaatu murtaa’uu isaatti gammaduu isaanii hiriira adeemsisaniin ibsaniiru.

‎Jiraattonni filannicha irratti hirmaachuun isaanii bakka bu’oota isaanii filachuufi naannoo isaanii misoomsuuf carraa akka isaaniif uumu hiriira nagaa kana irratti kaasaniiru. Filannichi karaa nagaa akka xumuramuufis gahee isaanii akka ba’atan eeraniiru. Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee siyaasaa Aanaa Qaabtiyaa Humaraa obbo Yidag Xaggannah akka jedhanitti, qabsoon uummata Amaaraa Walqaayit Xagadee qabsoo haqaafi wal qixxummaa mirkaneessu waan ta’eef Itoophiyaanonni hundi deeggaruu qabu.

‎Bulchaan Olaanaan aanaa Qaabtiyaa Humaraa obbo Kibre’ab Simaachaw akka ibsanitti, kaayyoon hiriirichaa uummanni godinichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatiin akka bakka bu’u murtee kennameef galateeffachuufi bakka bu’oota Mana Maree Naannoo hafan filachuu akka danda’uuf gaaffii karaa nagaa dhiyeessuuf ta’uu ibsaniiru. Hiriiricha irratti dhaadannoowwan “filachuufi filatamuun mirga keenya heera mootummaati, Itoophiyaanummaafi Amaarummaa keenya homaan hin madaallu, Raayyaan Ittisa Biyyaa keenya waardiyyaa jireenya Itoophiyaati” jedhuuniifi kanneen biroos dhaga’amaa turaniiru.

‎Bulchaa Olaanaan Godina Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa Obbo Asheetee Dammillawu, hiriiricha irratti ergaa dabarsaniin, dhaloota dhufuuf bilisummaa eenyummaa ni dhaalchifna jedhaniiru. Uummanni Walqaayit Xagadee, Satiit Humaraa, murtee Boordiin Filannoo Biyyoolessaa filannoo waliigalaa torbaffaa ilaalchisuun ibsa baase galateeffachuun, filannoo irratti hirmaachuun mirga heera mootummaati jedhaniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo