Dubartoonni Gama Damee Hun daan Itti Fayyadamoo Akka Ta’aniif Hojjetamaa Jira

 

Guyyaan dubartoota addunyaa (March 8) guyyaa dubartoonni gama dinagdee,  ogummaafi koorniyaan akka gurmaa’aniifi fayyadamtoota akka ta’an itti mirkanaa’edha. Akkasumas siyaasaafi hawaasummaa keessatti gahee isaanii faarsuufi walqixxummaa koorniyaa cimsuuf kan ittiin yaadatamee ooludha. Guyyichi sadarkaa idil-addunyaatti yeroo 115ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 50ffaaf kabajamaa kan jiru yoo ta’u kabajni guyyichaa mirga dubartootaa gara jijjiirama qabataatti fiduun qoqqoodiinsa qabeenyaa, hirmaannaa hawaasummaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha.  Dabalataanis injifannoowwan dubartootaan argaman itti fufsiisuufi rakkoolee fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu irratti mul’atan furuun hojiileen badhaadhina dubartoota Itoophiyaa mirkaneessuuf eegalaman cimanii akka itti fufaniif waadaan kan itti seenamudha.

Waajjirri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii, Dargaggootaafi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, ayyaana Guyyaa Dubartootaa Addunyaa (March 8) kabajeera. Magaalichatti guyyaan ayyaana dubbartootaa addunyaa akka addunyaatti yeroo 115ffaaf, akka biyya keenyaatti immoo yeroo 50ffaaf mata-duree “Dubartoonni Walqixxummaafi Itoophiyaa Badhaateef” jedhuun kabajameera. Itti-gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii, Dargaggootaafi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, aadde Anshaa Alii, ”har’a kan asitti walitti qabamne guyyaa tokko qofa yaadachuuf miti; sagalee dubartootaa walakkaa jaarraa ol ce’e, dhalootaa dhalootatti darbeefi qormaata hedduu keessa darbe kabajuufidha,” jedhaniiru.  Akkasumas ayyaanni kun mata-duree “Sagalee Dubartootaa Walqixxummaafi Itoophiyaa Badhaateef” jedhuun kabajamee akka oole ibsaniiru.

Af-yaa’iin Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Kawlat Mahaammad, March 8 dubartoonni bara dheeraaf kan qabsaa’an walqixxummaa qofaaf osoo hin taane, haqa, biyyaafi ijaarsa sirna dimookraasiitiif Dubartoonni loogiifi gidiraa koorniyaan isaanirratti gahu qabsaa’uun gumaacha isaan taasisan yaadachuuf ayyaanni kun kabajamaa turuus dubbataniiru. Dubartoonni dinagdee, dippiloomaasii, hooggansa biyyaa, hiika walitti bu’iinsaa, ijaarsa nageenyaafi dameewwan biroo keessatti qabsoo guddaa taasisuu kaasaniiru. Waa’ee dubartootaa yoo kaafnu waa’ee hawaasaa, waa’ee ijaarsa biyyaa, waa’ee itti fufiinsa dhalootaafi dhaloota cimsuu ta’uu isaa xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Akka ragaaleen, mul’isanitti Itoophiyaatti dubartii pirezidaantii jalqabaa dabalatee dubartoota gara hoggansaatti fiduun danda’ameera. Akkasumas dubartoonni miseensa kaabinee dhibbentaa 50 dhaabbilee ijoo akka hogganan taasifameera. Yeroo ammaa dubartoonni teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa dhibbentaa 41 argatanii hawaasa bakka isaan buufate tajaajilaa jiru. Dameewwan hawaasummaanis ta’ee diinagdeen hojiileen fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessaniiru. Itti aantuun itti gaafatamtuu Biiroo Dubartootaa  Dargaggootaafi Dhimma Hawaasummaa Naannoo Amaaraa Zinnaa Geetaachaw, dubartoonni gama hawaasummaafi dinagdeen akka fayyadamoo ta’aniif hojjetamuu kaasaniiru. Fakkeenyaaf iddoo daa’imman itti turan hundeessuun rakkoon dubartootaa akka furamuuf taasifameera jedhaniiru.

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo