Bara 1888 gaarreen Adwaa jalatti adunyaan seenaa haaraa galmesseera. Isaan duratti biyyootni uummattota guraachi hundi gita bittoota biyyoota Lixaa jala turan. Uummatni gurraachaa adunyaa keessatti argamu gabrummaa hamaa keessa ture. Qabeenyi biyyi gurraachootnii keessa jiraatanis biyyoota Lixaa duroomsuf oolaa ture. Uummatni gurraachaa akka dandeetti hin qabneefi doofummaa keessa jiran ilaalamaa ture. Injifannoon Adwaa seenaa kana kan jijjireedha. Kolooneffattotni Xaaliyaanii Itoophiyaa jilbeeffachiisun gabroomsuf dhufan tokkummaafi cichoomina Itoophiyaanootaan injiifatamaniiru.
Injifannoon Adwaa Ardii Afrikaafis ta’e uummata gurraacha adunyaa maraaf, dadamaqqinsa guddaa uumeera. Uummatni gurraachaa, uummata adiifi qaroomina qabu jedhamu moo’e birmadummaa isaa tiksuu akka danda’e agarsisee jira. Itoophiyaan mallattoo bilisummaafi gootummaa ta’un seenaa fakkenyummaa qabu raawwatteetti. Adwaa duraanis ta’e booda seenaa Itoophiyaa keessatti biyya kaminu injifatamanii buluun hin galmoofne. Itoophiyaanootni rakkoo keessoo kamuu keessa yoo jiraatan dhimma birmadummaa biyyaarratti tokkummaafi cichoomina qabnu waan raajiidha. Kun hayyuleen seenaa adunyaa kan barrulee isaaniin mirkaneessanidha.
Birmadummaan biyyaa sarara diimaa Itoophiyaanootati. Itoophiyaan cimina qabdu kanaan biyyootni hedduun ija diimaan ilaalu. Itoophiyaan lafa bal’aafi qabeenya uumamaa hedduu kan qabdudha. Qabeenyi biyyattiin qabdu biyyoota biraan hedduu kan barbaadamnidha. Bakki biyyattiin argamtuus bakka biyyoota gurguddoo adunyaan barbaadamudha. Dhimmootni kunneen, biyyattiin biyyoota biraan barbaadamtu ishee taasiseera. Jaarraa giddu-galeessaa hanga ammaatti hulaa galaanaafi laga Abbayyaa to’achuudhaaf biyyootni hedduun shiiraafi badii guddaa Itoophiyaarratti umaa turaniiru. Kanneen immoo waraana bananii yaalii taasisaniiru.
Waggoottan 30’n dura Itoophiyaan hulaa galaanarraa akka fagaattu kan taasifames shiiraafi walta’insa diinoota Itoophiyaan kan uumamedha. Shiira kana Laga Abbaayyaarratti deeb’u yaadaniis osoo hin milkaa’in hafaniiru. Hidhni laga Abbayyaa walhubbanaafi tokkummaa Itoophiyaanotaan xummurameera. Yeroo dhihoo asitti immoo dhimma hulaa galaanaa deebisanii argachuu biyyattiin kaaste akka balaatti ilaalame biyyootni Itoophiyaa ija diimaan ilaalan walta’insa umaa jiru. Biyyootni dhihoos ta’e fagoo yaada Itoophiyaa xiqqeessuuf qaban tokkummaan qoolachuu barbaada. Dhimmi dantaa biyya birmadummaa biyya qixa ilaalamu qaba. Tokkummaafi Cichoomina Injifannoo Adwaatti argame dantaa biyyaa tiksuuf oolu qaba. Biyyi hiyyummaa keessa turu birmadummaa hin qabu. Birmadummaan biyyaalessaa yeroo ammaa dhimoota hedduun ofdanda’u gaafata. Imaanaa abboottii keenya Injifannoo Adwaarra nu dhaalchiisan dantaafi fedhii biyyaa mirkanessuufi eegsisu gaafata.


